Tuesday, May 20, 2014

Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa

MinishuCaamsaa 19/2014 Gootichi Oromoo Dargaggoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa abbaa isaa Obboo Mallasaa Gargaraa fi harmee isaa Addee Dastaa Taddasaa  irraa bara 1978 Godina Lixa Shawaa aanaa Amboo ganda  Baayyoo fi Qumbiitti  dhalaate. Sabboonaan Oromoo diinaaf hin jilbeeffannee kun  Caamsaa 16/2014 Maagaalaa Adaamaa Keessatti utuu inni hiriyoota isaa ilmaan Oromoo mana hidhaa magaalaa Adaamaa keessatti hidhamanii jiran hiriyaa isaa ‘’Bilisummaa Lammii’’  waliin gaafatee deebi’aa jiruu, rasasa humnoota tikaa wayyaanee irraa itti dhukaafameen rukutamee battalatti du’uu waan dideef humnootni tikaa Wayyaanee gochaa gara jabina fi hammeenya guddaan guutameen lamaan isaanii (Milishuu(Abdii) fi Bilisummaa Lammii)  iyyuu konkolaataan duukaa fiiguun konkolaataa irra baasuun yakki ajjeechaa gara jabinaa ilmaan Oromoo kana irratti raawwatee jira.
Sabboonaan Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa umrii ijoollummaa isaa irra eegaluun sochii warraaqsa FDG dargaggootni Oromoo gaggeessan keessatti hirmaachuun gumaacha guddaa taasisaa nama turedha. Sochii FGD Goototni dargaggootni Barattootni Oromoo  yeroo ammaa kana Oromiyaa keessatti gaggeessa jiran keessatti illee himaannaa guddaa gochuun falmii bilisummaa diina waliin utuu gaggeessa jiru, uummata isaaf sabboonaa Oromoo wareegama lubbuu kanfaleedha. Sabboonaan kun yeroo ammaa Magaalaa Adaamaa keessatti hojii daldalaa xixiqqoo itti of jiraachisuu hojjetachaa nama qusannaa tokkoo malee bilisummaa uummata Oromoof kufee ka’ee hojjetudha ta’uu seenaan isaa ni addeessa. Kana malees sabboonaan Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gaargaaraa asi fuldura bara 2009—2011tti Oromummaa isaan  yakkamee Mana hidhaa Maa’ikalawii fi Qaallitiitti hidhamee , dararamaa turuun boodarraa yakka tokko waan hin qabneef  ergaa waggaa sadii oliif dararamaa turee booda karaa mana murtii wayyaanee  yakki isa himachiisuu dhibamuun gadi gadhiifamera.  Mana hidhaa keessas ba’ee sabboonaan Oromoo kun kaayyoo Oromummaa fi bilisummaa saba koof duubatti hin deebi’uu jechuun qabsoo FDG sabboontotni Oromoo biyyaa keessatti gaggeessa jiranitti hirmaachuun hanga wareegama lubbuutti mirga uummata isaa kabachiisuuf arsaa kanfaluu danda’ee jira.
Sirni awwalchaa  sabboonaa jaalatamaa  Oromoo Milishuu(Abdii) Mallasaa Gargaaraa guyyaa kaleessa  caamsaa 19/2014   bakka dhaloota isaa Godina Lixa Shawaa Aanaa Amboo  Magaalaa Meexxii jedhamtu bakka Kosoboo jedhamutti lafa Ilmaan Oromoo  10,000 olitti lakka’amanitti argamanitti rawwateera.
Uummaannii fi dargaggeessi Amboo sirna gaggeessa goota kanaa irratti argaman dhaadannoo gumaan kee  ni baafna, Oromiyaan ni bilisomti, abbaan irree yeroof malee ni kufa, qabsoon itti fufa, gaaffii keenyaaf dhala keenya ajjeessuun deebii ta’uu hin danda’u, Uummaanni Oromoo walitti haa birmannuu, Mootummaa dhala keenya ajjeessaa jiru waliin hin jiraannuu jechuun sagalee guddaan dhaadannoon dhageesisuun gochaa diinumaa mootummaa Wayyaanee balaleffataniru.

Monday, May 19, 2014

Mootummaan Abbaa Irreee Barattoota Oromoo Adamsee Ajjeesuu, Hidhuu , Gara Dabarsuu fi Biyya Irra Ari’ee Wararsuu Toofta Godhatee Jira.‏

Caamsaa 17/2014  Gabaasa Qeerroo Jimmaa
Qeerroo bilisummaaGochaan gara jabinaa mootummaa Abbaa irree Wayyaanee FDG dhaabuu hin dandeenye, humnootni tikaa Waraanaa fi Poolisootni mootummaa abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa hordofanii ukkamsuun mana hidhatti galchuu jabeessuun itti fufe.
Barattoota Oromoo mootummaa abbaa irreen hordofaman keessa barattootni hedduun yeroo amma kana Yuunivarsiitii Jimmaa, Adaamaa, Harammayyaa, Amboo, Wallaggaa irraa ukkanfamuun hidhaatti darbamaa jiru.
1. Barataa Leejjiisaa Alamayyoo Mummee mechanical Engineering Yuunibarsiitii Jimmaa irra eessatti akka hidhaman illee kan hin beekamne,
2.Barataa Abdii Turaa mummee seeraa waggaa 5ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa irraa, wajjira Poolisii Magaalaa Jimmaa lakkofsa tokkotti hidhame jira
3. Barataa Israal Haptaamuu Yuunibarsiitii Jimmaa irraa,wajjira Poolisii Magaalaa Jimmaa lakkofsa tokkotti hidhame jira
4. Barataa Huseen Umar Mumme Afaan Oromoo waggaa 3ffaa Yuunivarsiitii Jimmaa Irraa,wajjira Poolisii Magaalaa Jimmaa lakkofsa tokkotti hidhame jira.
5. Barataa Walabummaa Dabalee Yuunibarsiitii Adaamaa Mummee Civil Engineering waggaa 5ffaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Adaamaa hiriyoota isaa waliin humnoota tikaa Wayyaaneetiin Camsaa 16/2014 ukkanfamanii qabaman hanga ammatti lafatti hidhaman illee hinbeekamiin jira.
Ajjeechaa, hidhaa fi dararan qabsoo FDG goototni barattootni Oromoo gaggeessa jira, dhaabuu hin dandeenye, Mootummaan Wayyaanees haala kanatti naasuu ulfaataa keessa seenuun ilmaan Oromoo nagaa dhukaasee ajjeessuu, adamsee hidhaatti guuruu, fi wareersee biyya irra arii’achuu irratti argama. Haala kanaan barattootni Oromoo hedduun Yuunibarsiitii Jimmaa irraa Barnoota dhaabuun gara maatii fi firoottan isaniitti baqachaa jiraachuun hubatame jira.

Saturday, May 17, 2014

Maanguddoo fi Dardara, Osoo Hin Jedhiin Ummanni Oromoo Jumlaan Hidhamaa Jira.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 17,2014

diddaaMootummaan Wayyaanee dhiibbaa ilmaan Oromoo irraan gahu jabeessuun kan itti fufe guutummaa Oromiyaa keessatti duula hidhaa fi ajjeechaa jabaachuun itti fufe.FDG uummata Oromoon gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf filannoo taha jedhee kan fudhate duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jira. Gaaffii abbaa biyyummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee ilmaan Oromoo 2600 ol mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu. Caamsaa 16,2014 irraa hamma 17,2014 kanatti godinoota adda addaa irraa ilmaan Oromoo hidhaa jira. Akka kanaan

Wallaggaa magaala Mandii

Magaalaa Mandii keessaa FDG wal qabatee Oromoota sabboonoo ta’an Caamsaa 16,2014 irraa eegaluun hidhamuutti argamu Kanneen keessaa:-
  1. Obbo Roobel Qannoo abbaa maatii
  2. Obbo Gammachiis Hambisaa abbaa maatii
  3. Obbo Bookaa hundeessaa abbaa maatii
  4. Obbo Baacaa Kabbadee abbaa maatii
  5. Obbo Fiqiruu Wadaajoo abbaa maatii fi mana nyaataa fi dhugaatii kan qabu
  6. Obbo Eyob Kumarraa mana elektrooniksii kan qabu
  7. Barataa Raajii Abbayyaa kutaa 10ffaa
  8. Barataa Abbushee Hirphaa kutaa 7ffaa
  9. Barataa Dabaloo Tolosaa
  10. Barataa Surraa Caalii 12ffaa
  11. Dargaggoo Eebbisaa Saaqqataa humnaan bulaa
    Kanneen tahan keessatti argamu.

Yuuniversitii Haromayaa ,

Haaluma wal fakkaataadhaan mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti argaman Hoogganaa Gumii Afaan Oromoo dabalatee miseensota Gumii Afaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsee jira. Kunneen keessaa barattootni Oromoo
1.Barataa Nimoonaa Caalii hoogganaa Gumii Afaan Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa
2.Barataa Magarsaa Baqqalaa hoogganaa Gumii Afaan Oromoo duraanii
3.Barataa Firaayaad barreessaa gumii Afaan Oromoo
4.Dargaggoo Girmaa mooraa Yuunivarsiitii keessaa kan rifeensa sirreessu
Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Shawaa Lixaa Amboo

Oromoota badii tokkoon malee har’a qabamanii mana hidhaa Wayyaanee jiran keessaa:-
1.  Dargaggoo Getachoow Qajeelaa kanaan dura yeroo irraa gara yerootti sochii FDG gaggeessita jechuun mootummaa Wayyaaneetiin dararamaa fi hidhamaa kan ture,
2.  Barataa Alamuu Magarsaa barataa kutaa 8ffaa fi barataa mana rifeensaa hojjechuun of jiraachisaa jiru, balleessaa tokko malee humnoota tikaa wayyaanootaan hordofamee ukkaanfamuun hidhatti kan darbame.
3.  Dargaggoo Deebisaa Birruu magaalaa Ambootti leenjii konkolaachisummaa barachaa kan jiru, fi nama Obbooleessii isaa
4.  Getachoo Birruu bara 2011 humnoota tikaan ukkaanfamee mana hidhaa Wayyaanee Qaallitii keesatti hidhaan dararama kan jiru.
5.  Dargaggoo Taammiree Caalaa hojjetaa Wajjiraa dargaggoo aanaa Caalliyaa humna poolisii federaalaan kan ukkanfamee qabamee kanneen keessatti argaman sabboontotni dargaggootni Oromoo hedduum lixa Shawaa irraa balleessa tokko malee mana hidhatti darbamuun dararamaa jiraachuun gabaafamera.  

Wallagga Yuuniversitii Naqamtee irraa barattooti rasaasaan reebaman ammos bakka ciisanitti akka tohataman jedhame.

Barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafataniif deebiin rasaasaan reebamuu kan ta’e heddumminaan Hosptala Naqamtee seenaan keessaa haalaan madaayanii fi dhukubsatanii kanneen jiran addatti tikootaa fi loltoota Wayyaaneen akka tohataman taasifame,maatii fi hiriyyaan bira dhaqee dubbisu akka qoratamu taasifame. Kanneen haalaan qaami isaanii madaayee ammos Wayyaaneen tohatamaa jiran keessaa.1.  Barataa Mokonnoon Asaffaa Barataa Yuunibarsiitii Wallaggaa
2. Barataa Gammachuu Butunaa ” ”
3. Barataa Mokonnoon Abarraa ” ”
4. Barataa Guutamaa Galaanaa ” ”
5. Barataa Sofia Kadiir ”
6. Barataa Shimaallis Caffee ”
7. Lammeessaa Balaay ”
8. Barataa Tolawaaq Shaashoo ”
9. Barataa Mul’isaa Tafarraa ”
10. Barataa Naazib Jibril ”
11. Barataa Getachoow Fiqaaduu ”
12. Barataa Galetaa Kumerraa ”
13. Barataa Gammachuu fiqaaduu ”
14. Barattuu Abbabuu Xaafaa ”

Lixa Wallaggaa Aanaa Gullisoo:

Guyyaa lamaan kana FDG wal qabatee naannoon aanichaa waraana Wayyaaneen goolamaa jira,ummanni hedduun hidhaman keessaa hammi tokko:- 1.  Gammachuu Taasisaa daldalaa
2. Wandee Nagaasaa jiraataa ganda 01
3. Daawuti Tolaa jiraata ganda 02
4. Mulaatuu Cawwaaqaa qotee bulaa ganda galoo guutee
5. Fiqaaduu Gaarii qotee bulaa ganda galoo guutee
6. Taddalee Guddataa qotee bulaa ganda galoo guute.
7. Barataa Eebbaa Kantiibaa barataa kutaa 11ffaa
8. Barataa Abdii Mokonnoon barataa kutaa 10ffaa
9. Barataa Qananii Daaniel barataa kutaa 7ffaa
10. Barataa Dirribaa Tasfaa barataa kutaa 7ffaa
11. Barataa Girmaa Mulaatuu barataa kutaa 10ffaa
12. Barataa Jifaaraa Busunaa
13. Barataa Obsaa Raggaasaa barataa kutaa 9ffaa
14. Barataa Obsaa Geetanee barataa kutaa 10ffaa
15. Barataa Lalisaa Indaalee barataa kutaa 9ffaa
16. Gammaachuu Waaqjiraa hojjetaa bulchiinsa lafaa,
17. Lijaaleem Immaanaa wajjira bulchiinsaa keessa kan hojjetu dabalatee uummaanni Oromoo nagaan namootni dhibbaan lakka’aman hidhamuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.

Lixa Wallaggaa Ayiraa Irraa:- 

Godina Dhiha Oromiyaa Lixa Wallaggaa irra ilmaan Oromoo Jumlaan mana hidhaattii guuramanii dararamaa jiru, haala kanaan Aanaa Ayiraa irraa sabboontotni Oromoo Caamsaa 16,2014  hidhaman :
1. Obboo Geetanee Adabaa qotee bulaa
2. Obboo Geetachoo Oljirraa qotee bulaa
3. Barsiisaa Qabanaa Hiikaa
4. Obboo Caalaa Raggaasaa
5. Obboo Damee Daddafaa
6. Barsiisaa Malaakuu Aagaa
7. barsiiraa Hundumaa Awweetuu
8. Barsiisaa Yaared Dheeressaa
9. Barataa Efireem Qanaa’aa
10. Barataa Dirribaa Gaja’aa
11. Barataa Milkeessaa Saamu’eel,
12. Barataa Toleeraa Waaqumaa kanneen keesatti argama   
Kanneen jedhaman keessatti argamu.
Oromoon hidhaa fi ajjeechaan qabsoo haqaa irraa akka hin deebine beekamaa dha.Bakka jinitti biyya keessaa fi alaan qabsoo finiinsuun rakkoo fakkaataa kana irraa bahuun murteessaa dha.

Thursday, May 15, 2014

Bulchiinsi Yuuniversitii Adaamaa Barattoota Oromoo Dabarsee Akka Kennu Ajaji Wayyaanee Irraa Itti Kenname. Gaaffiin Barattootaas Sodaa Tookkoon Malee Itti Fufe!

q1Caamsaa 15,2014 Gabaasa Adaamaa
Guyyaa irraa gara  guyyaatti barattootni mana barumsaa garagaraa fi koollejjii akkasuma Yuuniversitiwaan keessatti dabarfamanii harka diinatti kennamuudhaan hidhamaa jiru,kun guyyuu kan itti fufaa jiruudha. FDG Ebla 2015 Oromiyaan bakka hundaatti wal qabatee itti fufuun isaa waan mootummaa Wayyaanee yaaddoo keessa alcheef jecha  barattoota Oromoo sabboonoo tahan tikoota Wayyaaneen adamfamanii qabaman illee gaaffiin mirgaa daran jabaachuun itti fufe.
Har’a Caamsaa 15/2014  waaree booda mootummaan Wayyaanee Yuuniversitii Adaamaa keessaa barattooti Oromoo 15 ol akka barbaadamaa jiran beeksisa baasuun  akka hordofamanii dhiyaatan bulchaan Yuuniversitii kanaa beeksisa baasee ture haala kanaan har’a barattootni 6 harka loltoota badii tokkoon malee loltoota Wayyaaneen qabaman.
1.Adam Goobaanaa-barataa waggaa 2ffaa
2.Eebbisaa Daallee
3.Liiban Tarreessaa
4.Walabummaa Dabalee
5.Booddanaa-barataa waggaa 5ffaa
6.Ganamoo Kurkee
Kanneen jedhaman yeroo tahu, hidhamuun ajjeefamuun barattoota Oromoo daran dachaan qabsoo keenya dabala malee duubatti nu deebisuu hin dandayu kan jedhu Qeerroon Yuuniversitii Adaamaa waraqaalee warraaqsaa galagala kana mooraa Yuuniversitii bakkoota adda addaatti facaasaa fi maxxansaa turaniiru.

FDG Godina Wallaggaa Lixaa Magaalaa Najjoo Irratti Itti Fufe

Caamsaa 15/2014 NajjooGabaasaa Qeerroo magaalaa Najjoo irraa addeessuun armaan dura FDG yeroo uummanni keenyaa fi barataan keenya wal qabatee ka’etti humni tika Wayyaanee bittimsaan sun uummata burjaajessuudhaan hin milkaa’in hafne,Yeroo isaa eeggatee jiraattota uummata magaalattii fi barattoota mana barumsaa sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi qophaayinaa dabalatee har’a caamsaa 15 FDG dhoyee jira.Biyyaa fi saba ofitiif wareegamuun waan baratameedha,mootummaan Wayyaanee ilmaan oromoo dhiiga isaa akka bishaanii dhangalaasuun oromiyaa gad hin dhiisu,galii irraa argachuunkoo itti fufa,lafa oromoo ciree gurguruunkoo nan jabeeffadha se’ee uummata bal’aa waraana isaatiin fixuun akkuma karoorsee fi ittan fufa jedhee labsachaa jiru kana ammallee mormuudhaan gaaffiin keenya hamma wareegamaatti nuuf deebi’uu qabaadhaan uummanni magaalaa kana har’a gaaffiiwwan mirgaa qabatanii diddaa isaanii itti fufanii jiru.
-oromiyaan kan oromooti mootummaan Wayyaanee nurraa haaka’u
-Mootummaa sanyii keenya fixaa jiru yaa waaq nurraa buqqisi
-Oromiyaan haa bilisoomtu
-Afaan oromoo afaan hojii fi federaalaa haata’u
-waraanni wayyaanee oromiyaa keessaa haa bahan
-Uummata keenya hidhame mana hidhaatii haa bahan,fi kkf
Jedhuun uummanni fi barattootni gamtaadhaan diina dura dhaabbatanii dhaadachaa turan,humni waraana wayyaanee rasaasaan doorsisuudhaan namoota hedduu daa’ima,jaartii osoo hin jedhin gara mana hidhaatti guuraa turan,kan hafan uummanni diddaa kana itti fufuuf qophii irra jiru.

Monday, May 12, 2014

FDG Yuuniversitii Jimmaa Itti Fufuu Irraan Barattooti Oromoo Tikoota Wayyaaneen Qabaman.

Camsaa 12, 2014 FDG Mootummaan abbaa irree faashistii Wayyaanee barattoota Oromoo ukkamsuu itti fufee jira. Haaluma kanaan Barattootni Oromoo 6 koolleejjii barsiisota Jimmaa irraan humna tikaa Wayyaaneetiin ukkanfamanii qabamanii waajjira poolisii godina jimmatti hidhamanii dararamaa jiru. Barattoota Oromoo koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa guyyaa kaleessaa konkolaataa dabballoota tikaa Wayyaaneen ukkanfaman qabaman keessaa:-
1ffaa Barataa Guddisaa Cimdeessaa mummee barnoota Civics waggaa 2ffaa. akka malee reebichaan dararamaa jira.
2ffaa Barattuu Jirraanuus badhaasaa mummee sportii Waggaa 2ffaa, barattuu dubaraa reebichaan dararamaa jirtudha.
3ffaa. Barataa Seefuu Hayilee Mummee Geography waggaa 2ffaa
4ffaa Barataa Asaffaa Dhugumaa mummee chemistry waggaa 2ffaa
5ffaa Barataa Umar Roobaa mummee Geography waggaa 2ffaa
6ffaa Barataa Zallaqaa Asiiraasi mummee chemistry waggaa 2ffaa kanneen jedhaman badii tokko malee humnoota tikaa fi pooliisiin qabamani wajjiraa Poolisii godina Jimmaatti Hidhamani dararama jiru.
Duullii Hidhaa kun erga guyyaa kaleessa Jillii ergama Wayyaanee baatee deemuu, koree tasgabbeessituu Mootummaa gidduu galeessa irraa bobbafamne ofiin jedhee ilmaan Oromoo hidhatti guursisaa jiru, kan nama Abdul Qaadirjedhamuun durfamu guyyaa kaleessa ergama diinummaa isaa lallabuuf gootota barattootaYuunibarsiitii Jimmaa gidduutti argamuun olola ofuuf isa akeekkatu, gaaffiin barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa lafa isa ilaalchisee qaanii fi Salphina guddaan of irra deebi’ee jira, Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa tokkummaa isaanii jabeeffachuun gaaffii keenyaaf deebii qubsaa barbaadna, ilmaan Oromoo sabaaba gaaffii karaa nagaa gaafanneef Ajjeefamaniif itti gaafatamta, kannee hidhaa keessa jiran hiikamuu qabu, nuti Hirmii waliin dubbachuu hin dandeenyuammaas FDG itti fufayoo nu fixxan nu fixaa maleesodaa keessan afaan qabannee dhugaa falmachuu irra duubatti hin deebinuu jechuun ifatti ejjennoo isanii ibsachuun qaanessaniiru, kana irraa ka’uun barattoota koolleejjii barsiisota Jimmaa biras yoo deemne kanumatu nu mudachuu danda’a waan ta’eefijoollee Oromoo nu rakkisaa jirtu qaba hidhaa jechuun labsii diinummaa ijoollee Oromoo irratti labsaa jiru
Gama biraan tikoonni mootummaa Wayyaanee barattoota Habashaa qindeessuun mooraa Yuuniverstii Jimmaa keessatti akka balaa dhaqabsiisanii barattoota Oromootti qabataniif meeshaa waraanaa hidhachiisee osoo Mooraa Yuuniversitichaa seenuuf jedhanii waariyyoota mooraan qabamanii akka saaxilamanii jiran qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Kana Malees sabboontootni barattootni Oromoo dhabbilee Barnoota Ol aanoo irraa Ukkanfamanii eessa buuteen dhabama jira haala kanaan Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii harammayyaa irraa ukkanfamanii humnota loltuu fi tikaa Wayyaaneen qabamanii hedhaman eessa buteen isaanitu kan hin beekamnee
1ffaa Barataa Alamaayyoo Gonfaa
2ffaa Barataa Nimoonaa Caalii kan keessatti argaman Yuunibarsiitii Harammayyaa irra qabamanii hanga amma eessatti hidhqamuun isaanii hin beekamne!!

Sunday, May 4, 2014

Caamsa 3,2014 Finfinnee
 Naqamtee. Barattootni mooraa keessatti hafan diddaan keenya itti fufa humna tokkoomeen fi uummata waliin taanee boodatti hin jennu kan hidhameef haamileen kenya nun bu’u jabinaan itti fufna jedhhu Qeerroon mooraa Yuuniversitii Wallaggaa guyyaa har’aa daran wal qindeessaa oolan.
Yuuniversitii Wallaggaa dame eShaambuu. Akkasuma barattootni sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Shaabuu har’a itti fufee oole.
Sibuu Siree:-  guyyaa har’aa gaaffii wal tahuudhaan waajjira poolisii magaalaa Siree deemuudhaan gaafatanii jiru,barataan keenya haga yoomitti rasaasaan reebamee du’aa,haga yoomitti mana hidhaatti guuramaa? Lafti keenya haga yoomitti gurguramaa? jechuun hedduun umuriin isaanii 12 fi 16 gidduu ta’an barattootni waliin bobbadhudhaan gaaffii mirgaa gaafatanii jiru poolisiin magaalaa kanaallee gaaffii isaanii deggeruudhaan argame jedhu Qeerroon magaalaa Naqamtee irraa addeessu.
Magaalaa Baakkoo:- guyyuma kana Qeerroon magaalaa Baakkoo tokkummaan ka’uun waajira Poolisaa deemuun gaaffii mirga Oromoo fi abbaa biyyummaa ifatti gaafataa turan.
Yuunibarsiitii Walqixee : guyyaa har’aa Camsaa 3/2014 Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo Qeerroowwaan barattootni Oromoo fi uummaanni Oromoo, Oromiyaa guutuu keessaatti gaggeessa jiran gaaffii keenya, jechuun gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, jechuun Sagaalee isanii dhageesifatan.
Kibbaa Lixa Shaawaa:- kanneen akka wancii (Leemaan), Tajii, Sabbataa, aanaa Sadan Soodoo fi Ammayya fa’itti FDG’n itti fufee jira.

Saturday, May 3, 2014

Guyyaa Har’aa FDG Magaalota Akka Baakkoo, Xiiquur Incinii, Tokkee Kutayee, Midaa Qanyii, Haalan jabaatee itti fufee jira.


FDG Magaalaa Bakkoo Caamsaa 3,2014

Baakkoo
Baakkoo2

FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabsiifame Itti Fufe!


OromiaALutaContinua2011FDG
Caamsaa 3/2014 FDG jabaatee itti fufe haala kanaan gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii itti fufuu irraan Wayyaaneen nagaa hin dhageenye amma illee sagalee qawween malee uumataaf deebii kennuu didaa akka jiru dhagahama.
Guyyaa har’aa Godina Lixa Shawaa aanaa Shananitti uummaanni daandii shanaanii Xiqur Inciniii geessuu akka banamuu hin dandeenyetti cufamee diddaan cimaan kan qoteebulaa waliin gamtaan ka’e qabsiifamera.Waraanni Wayyaanees uummata meesha maleeyyi itti rasasa matarayasii dhukaasuun ajjeesaa jira. Yeroo kanatti Aanaa Shaanana irratti ilmaan Oromoo 3 wareegama Qaalii
kanfalan. Shamarreen Oromoo Hayinaaleem Guutuu dubara waggaa 14ti fi dargaggoonni 11 biroo yeroo amma mana hidhaa qabamanii akka jiranii fi Obboleessii ishee da’imni waggaa 9s akka ajjeefamee jiru gabaasi ammaaf achi irraa dhihaate addeessa
.

Friday, May 2, 2014

Oromian News Update:-Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennate.Waajjirri Bulchiinsa Midaqenyii Ummataan Tohatamte.


Geedoo fi tokkee kuttaayyee
Uummanni Oromoo lixa Shawaa Aanaa Midaaqenyii Waajjira Bulchiisa to’ate, bulchaan Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennatee jiraachuun dhagahame. Uummanni kanaan boodaa mootummaan jira jettee wajjira galtee beekii jechuun akkeekkachiisuun wajjira cufee ba’uu, danda’era. Hiriirri nagaa fi FDG Oromoon gaggeessaa jiru kun Caasmsaa 3,2014 ganama irraa eegalees itti fufa.
Har’uma Caamsa 2,2014 Magaalota Geedoo fi Baakkootti Uummanni Oromoo fi barattoottni hiriira guddaa gaggeessuun FDG kaasuun falmachaa oolan. Boorus itti fufa.
Horroo Guduruu bakkoota adda addaa keessatti hamma galgala kanaatti itti fufee jira.Caasaa 3,2014 bifa addaan itti fufuuf deemuu qeerroon gabaasa
.

Qabsoon Itti Fufe Duubatti Hin Deebi’u!! Ibsa Haala Diddaa Kibba lixa sahawaa irratti kenname


Diddaa
May 2,2014 Lixa Shawaa
00:00
00:00
Breaking News;-Caamsaa 2/2014 ,Godina Lixa Shawaa Aaanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii Goodaa Galaan, M/b Qanyii Bahaa Biftuu Sadarkaa 2ffaa fi Mana barumsaa Ballammii Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina, fi Qonnaan bultoota Oromoo fi Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa kanneen akka Baaroo Bidaruu fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hedduu aanicha keessatti argamaniin gaggeeffamaa jira.
Aanaa Ginda Barat Magaalaa kaachiisii fi Abunaa Gindabarti keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irraatti argama.
Aanaa Xuuqur incinnii Magaalaa Dirree Badhaas keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irratti argama. Suuraa Barattoota Oromoo wareegamanii qabachuun uummannii FDG duubatti deebi’uu hin dandeenye gaggeessa jira.

alaabaa

Thursday, May 1, 2014

Goototni Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa FDG qabsiisuun diina raasan. Dhaadannoolee garaa garaas dhageessisan

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo D.Dawaa
Dirree DaawwaaMootummaa wayyaanee irratti diddaan Barattootaa jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti finiinuun itti fufe. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha, Hundeedhaan buqqauu qaba, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman, Siidaan Minilk haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaatu, Lafa naannawa Finfinnee Murree hin kenninu jechuudhaan dhaadannoo qababachuudhaan ganama saa 8:00 AM irraa kaasanii dhaadannoo dhageessisuu kan eegalan Barattootni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Uummatni Oromoo magaala Dirree Dawaa keessatti argamus Dargaggootni Oromoo hiriiraa fi dhaadannoo dhageessifamaa turetti dabalamuun mootummaa wayyaanee dhiphina guddaa keessa seensisee jira.Goototni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mootummaan wayyaanee hiriira nagaa seera biyyaan lafa kaawe deebisee dhorkuun isaa abbaa irrummaa isaa dachaan mirkansa kan jedhan yoommuu tahu wayyaaneen waraana hedduumminaan bobbaasuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas hidhaan dura dhaabbachuu yaaltus barattootni Oromoo gamtaan kauun diina dura dhaabbachuun dhaadannoo dhageessisaa oolanii jiran.
Dirree DaawaBarattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa Waamicha Oromummaa nu dhaqqabeen gahee keenya baane jechuun Uummatni Oromoo qotee bulaan, daldalaan, Hojjetaan nuyi ilmaan keessan ulee diinaan rukkutamaa fi ajjeefamaa waan jirruuf bakka jirtanii kaatanii waan qabdan maraan diina keenya Wayyaanee dura akka dhaabbatan jechuun Waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.

May 1,2014 Oromian News Update

OromiaALutaContinua2011FDG
Ilu-Abbaa Booraa, Mattuu:- Camsaa 1/2014 Godina Kibba Lixa Oromiyaa Iluu Abbaa Booraatti FDG utuu wal irraa hin citiin guyyaa 4ffaaf jabatee itti Fufe. Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu fi kolleejjii Barsiisota Mattuu, Uummata Oromoo magaalaa Mattuu fi Dargaggoota Oromoo magaalaa Mattuu hidhaan, reebbichii, dhukaasaa sagalee gurguddaa qabu irratti dhukaasuun, gaazii summaa’aa nama bossisuu irratti dhukaasuun kayyoo fi ejjeennoo Qeerroo dargaggootaa fi Barattoota Oromoo jijjiruu hin dandeenye, guyyaa har’aa qotee bulaan godinichaa fi nannawaa magaalaa Mattuu Jiraatu FDGtti dhufee dabalamee gaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa jechuun dhaadannoon itti fufe.
Waan ajaa’ibsiisaa ta’ee dargaggoonni fi barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu hiriira ba’anii dandii guddaa Magalicha keessa fi daandii gara Yuunibarsiitii Mattuutti geessuu cufuun taa’anii hanga deebiin nuuf kennamutti hin kaanu yoo nu fixxan nu fixaa jechuun poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an garaa raasaa jiru, waraannii fi Federallii reebee itti dhukaasee akka wareeranii baqataniif yaalii hedduu godhee dadhabuutti jira uummannii fi barattootni deebii nuuf kennaa jechuun ammallee dhadannoon itti fufe.
Lixa Shawa Amboo fi Gudar :- Caamsaa 1/2014 Godina Lixa Shawa Amboo fi Gudaritti FDG jabaatee Itti fufee jira Ummaanni Oromoo fi Dargaggeessii,dargaggoon keenya du’ee, uummanni keenya dhiigni dhangala’ee, manatti deebinee hin galluu bilisummaa keenyaaf wareegamna jechuun Uummaanni Magaalaa Amboo fi Gudar walitti dabalamuun falmii qabsoo gitaa gaggeessuutti seenee jira. Har’a Hirriira guddaatu Magaalaa Gudar keessatti gaggeeffamaa jira, Uummaannii Buufata Waraanaa Magaalaa Gudar keessaa jirutti Ibidda qaqbsiisuun kambiin waraanaa Gudar irra jiru gubachaa jira. barattootni Oromoo lama Magaalaa Gudar irraatti rasaasan rukutamanii Wareegamuu hin hafne amma bilbilatu seenuu didee rakkachaa jirra,
Dandiin Amboo Wallaggatti geessu ammas haalaan cufamaa jira, daandiin guddaa konkolaataan Finfinnee gara dhiha Oromiyaa geessuu kun badiyyaattii bakkoota akka Tokkee, Baabbicha, Gooroo Soolee jedhaman fa’itti qotee bulaan ba’ee muka karaa irratti jigsuun cufee jira. karaan darbaa magaalaa Amboo keessatti rakkisaadha, Waraannii guddaan Magaalaa Amboo keessatti uummata waliin wal reebaa jira.
Magaala Amboo:- Barsiisota Oromoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa irraa humna waraanaa Wayyaaneen ukkaffamanii qabamanii hidhaman
1. Barsiisaa Nahiim Waaqumaa Barsiisaa Herreega
2. Barsiisaa Waqjiraa Marabbaa barsiisaa Geography
3. Barsiisaa Ababaa Caalumaa Barsiisaa Herreegaa
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Amboo irraa guyyaa har’aa Caamsaa 1,2014  hidhamanis:-
1.Barataa Caalaa Fayisaa mummee Fayyaa waggaa 3ffaa
2.Barataa Wabii Xilahuun Mummee Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi Barreessa kitaaba mata dureen isaa ‘Hidha-Hiikame” jedhu kan barreesse.
3. Barataa Damee Aliyyii Aggro Business waggaa 3ffaa,
4,Barataa Gadaa Samu’eel Farmaasii Waggaa 1ffaa kannen keessatti Argaman