Friday, April 18, 2014

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Xalayaa Iyyatnoo Tamsaasan.


ERGA CALLISUUN KEENYA NU TOLLEE

HAA FALMANNU NU WALII GALLEE!!

DiddaaJaallannee ,filannee miti!,callisanii buqqee tauu mannaa dubbatanii bubbee tauu wayya jedha Oromoon kaleessaa.Duula waliif waliin kaana jedhamu kan roorroon hiriyaa hin qabne shin mootummaa gabroomfataa habeshaa Oromoo irraatti gochaa ture, haa caaluu immoo yeroo amma kanatti gabrummaa gita hin qabne duula duguuggaa sanyii haalaa fi kallattii hin qabne tae jedhamee itti yaaddamee deemamaa jiru Oromoos taee diinni warreen alagaa karaa karaa isaatiin ifatti beeku.Haa tau malee beekuun Oromoof yeroo ammaa kanatti hiikaa hin qabu.shiraa fi danqaa diinni hirriba lagatee halkanii guyyaatti afarftu kanatti dammaqee humnaan diinaa cabsuu dandau hidhatee of qopheessutu irraa eegama. Kana gochuun Oromoof waan akka mirgatti dhiyaatu miti ,dirqama irratti dirqamni eenyummaa dabalamuu qaba. Tole kaa mee waanuma taii kaleessaa fi hara tae, boruu fi iftaan immoo tauu dandaan akka armaan gadii kanatti wal haa ilaalluu.
Yeroo ammaa kanatti duulli boca qabne ilmaan ilaalcha dulloomaa fi ilmaan abjuun isaanii yoomuu shiraa qofaa kan tae haftee Miniliik fi mana barumsaa ekeraa Miniliik irraa warren eebbifamaniin barreeffamoonni Oromoo akka sabaatti xiqqeessuu fi arrabsoo Oromoo tuqu akkasumas Abbaa biyyummaa Oromoo waakkatu Afaan Amhaaran kan barreeffame mataa dureen isaa INQUU FI QUMNEGER jedhaman isaan hangafaa fi ifatti maqaa balleessii Oromoof mana maxxaansaa dhaabbate tauun bira gahameera.
Guutummaan Iyyatnoo kanaa dubbisuuf:- Qeerroo ASTU.doc
x

Wednesday, April 16, 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Magalaa Laqamtee Keessatti Guyyaa Gootota Oromoo Kabajuun Ibsa Tuqaa 6 of Keessaa Qabu Dabarfatan.

Ebla 15,2014 Naqamte
Nuti barattoonni godina Wallaggaa irraa dhufnee magaalaa Naqamteetti barachaa jirru gaafa 15/4/2014 yaadannoo guyyaa gootota keenyaa sirna ho’aafi mariidhaan kabajanneerra jalqaba irratti eebbaan jalqabne itti aansuun yaadannoo sammuu gootota keenyaaf goone marii bal’aa erga godhannee booda fuulduratti wantoota armaan gadii irratti hojjachuuf walii galle!
1 . Kaayyoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf jecha wareega barbaachisu kafalee ni qabsoofna. Kanuma waliin sochii barattootaa danquuf jecha basaastota uummata keessa faca’anii jiran hordofnee saaxpuu irraan lubbuu hedduu baraaruu
2.Yyeroo ammaa magaalota Oromiyaa keessatti afaan Oromoof namooti hedduun ilaalcha gaarii hin qaban kana sirreessuuf ni qabsoofna
3.  gara fuulduraattis dhimma garaa garaatiif yoo gargar facaaneyyuu qabsoo keenya caalaatti ni cimsina.
4. Dhaabi keenya dhugaan ABO waan ta’eef sochii WBO gama hundaan ni deggarra.
5.Qabsoo keenya gara fuulduraatti shamarran akka hirmaatan ni goona ayyaana kanarratti shamarranis kan hirmaatan yeroo ta’u. Dhaadannon kaayyoo goototi keenya wareegamaniif bakkaan ni geenya jedhuun kabajanne!

Sunday, April 13, 2014

Tokkummaan Jiraannaan Gabrummaan Ni Buqqa’a Dhaamsa Maadhee Iftuu Barii-Sulultaa Irraa

Dhaamsaa fi Ejjennoo maadhee Iftuu Barii; Sulultaa Ebla 12,2014
OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan wayyaanee ilaalchi inni uummata oromoo irraa qabu yoomiyyuu akka hacuucametti hacuuccaa jalaa hin bahu itti fakkaatee, gabrummaa bara dheeraa waanjoo baachuu irra darbee dhiigni ilmaan oromoo itti dhanga’aa jiru kana itti qaana’uu osoo hin taanee gammachuu guddaa keessa seenee jira. Egaa saba oromoo gidduudhaan kan dhibe tokkummaadha, lafee tokkummaa kan nyaate isa durii oromoon yaada tokkoon bulaa ture, amantii tokkoon bulaa ture,har’a amantii habashaa hordofuudhaan,afaan wal dhaga’uu didee inni kaan isa oromoo hin fakkaanne duukkaa hiriiree aadaa isaa dagachuunillee diinaaf qaawaa hurufa tahee ilmaan oromoo asii fi achi gingilchuudhaan hanga har’aa bara bittaa isaa dheeraffatee jira. Nu gaha Gabrummaan ni buqqa’a kan jedhutti amanna nuti maadheen Iftuu Barii,mee akka dhaamsaatti saba oromoo keessaa fi ala jirtaniif dhaammannu kan qabnu:-
Ø Nuti ilmaan oromoo biyya keessa jirru saba oromoo biyya alaa jiru irratti abdii keenya yoo ganne dogoggora guddaadha, qaamni kamuu biyya alaatii dhufee miti kan nu bilisoomsu dogoggora yeroo dheeraa keessaa baanee waan qabnuun baayina saba keenyaatti dhimma baanee, dargaggoota biyya keessa jirruun tokkommuudhaan kaanee diina nurratti hiriiree jiru kana of irraa haa fonqolchinu, wayyaanee dura dhaabbachuuf nuti akka maadhetti adda duree taanee kaaneerra.
Ø Beekaa utuu qabnuu, kan nu hoogganu ABO osoo qabnuu, dirree qabsoo irraa WBO utuu of duraa qabnu har’a uummani bal’aan uummanni oromoo jireenya yoomuu caalaa gadadoo fi haala yaaddeessaa keessa jira, mootummaan wayyaanee saboota biroo irratti kaasee sabni oromoo waan of irraa loluyyuu wallaalee jira. Gama biraatiin qabeenyaadhaan saamamaa,siyaasa ABO babal’ista jedhuun uummata mana hidhaatti guuraa,rakkinoota kana hunda baatee saba bicuu gadi ta’ee bitamaa jira, safuu! Maal jettuu Dargaggoon Oromoo oromiyaa keessa jiraattan? Maaloo kottaa magaalaa Finfinnee irratti wal geenyee FDG tokko taanee itti fufnaan dhaamsa keenya kallattii barbaachisuun nuuf haa darbu!
Ø Nuti maadheen Iftu Barii magaalaa Sulultaa irraa dhaamsa xumuraa dhaammannu akkuma beekamu wayyaaneen saboota biroodhaan oromoo arrabsiisuu yaaluu keessatti uummanni keenya saba ittiin arrabsame kana yeroo gababaa keessatti of beeksisee eenyummaa isaas hubachiisee jira kun gama hundaanuu akka itti fufu tahee utuu jiruu nuti xiyyeeffannoon keenya achirras osoo hin taanee wayyaaneedhuma sanyii saree,wrrattii garaa harree kan nyaatanii hin harre jalee isaa waliin dura dhaabbachuuf maaltu nu daangessee? Nuti Oromoodha, miliyoona 40 ol taanee uummata miliyoona 5 hin guunneef jilbeenfannaa? Iyyaa iyya dabarsaa nutu waliif fira,nutu waliif jira isa bakkee hin eegnu irra deebinee dhaamsa dhaammanna ka’a lafa jirtanii? Itti deebina uummata oromoo waliin jiraannu waliin dhaamsa qabnu!

Lafti Oromoo A/Anfilloo Irraa Qabiyyee Nama 50 ol Tahu Lammii Tigree Tokkotti Gurgurame!t

Ebla 12,2014 Gabaasa Anfilloo
Gabaasota Qeerroo Yuuniversitii fi naannoo Oromiyaa adda addaa irraan dhiyaataa jiru gama hundaanuu hammeenya mootummaa Wayyaanee saba Oromoo irratti kaayyeffatee gaggeessaa jiruudha, uummata walitti buusuun wal ficcisiisuu,lafa oromoo gurguu, saamuu irratti daran jabaatee kan itti fufeedha. Yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan gabaasa Qeerroo godina Qellem aanaa Anfilloo dhiyaatuu qabeenyaa uummataa mancaasuu, qabiyyee mootummaa jedhuun lafa waggaa dheeraa qote bulaan irra qote kan dhuunfaa isaa godhachuun abbaa qabeenyaatti gurgarachuu irratti kan argameedha.
Gabaasa Qeerroo Ebla 11 A/Anfilloo ganda Shebel jedhamu irraa addeessuun lafa qonnaa uummanni Oromoo irra qotatu lafa qonnaa walii galatti kan namoota 50 olii tahu abbaa qabeenyaa lammiidhaan tigree naannoo Gambeelaa irraa kan maqaan isaa Takilahaymaanot Alleny jedhamu lafa uummataa kan naannoo gaara Essi Essii jedhamuu nama kanatti ka gurgurame yoo tahu namootni qabeenyaa isaanii kanaaf falmatan, walakkaan isaanii mana hidhaa jiru,kaan ammoo waan hojjetee maatii isaa jiraachisu dhabuun hojii humnaa guyyaatti hojjetee ooluudhaan rakkinatti galee jira,abbaan qabeenyaa tigree lafa qote bulaa kana bite tikoota wayyaaneetin guyyaa guutuu kan tikfamee ooluudha, itti fufee kaayyoon mootummaa lafa uummataa naannoo kana jiru hunduu kan mootummaati jedhee labsachaa kan jiruu fi abbootii qabeenyaa bakka birootii fidee gurgurataa kan jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasa.Gabaasa itti fufuun walitti deeebina

Friday, April 11, 2014

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasaniin Konkolaataan Barhirdar irraa ligii Habashootaa fe’ee mooraa seene Miidhamuun gabaafame.

Ebla 11,2014 Adaamaa
Roorroo of irraa ittissuuf jecha Ebla 11 Halkaan keessaa sa’aa 7:45 irraatti gamtaan Qeerroo Yuuniversitii saayinsii fi teeknooloojjii Adaamaa Konkoolaataa Yuuniveersitii Bahaardar irraa Tiriippii dhaaf Habashoota ammaan dura ilaamaan Oromoo naannoo Bahirdaritti akka reebaman taasise akka Yuuniversitii Adaamaa hin seenne bulchiinsatti himatanii dhagahamuu diduu irraan konkolaataan kun mooricha galee bule. Haala kanaan iyyannoon barattoota dhagahamuu hanqachuu fi arrabsoon dabalataa barattoota ORomoo irra waan gaheef jecha Konkolaataa Habashoota fe’ee deemuu fi gartuu Oromoota arrabse waliin walitti bu’iins ka’uu irraan dhagaan darbatamee FDG battala dhohe. diddaan barbaachisus fudhachuudhaan fuullee isaa gara fuulduraa dhagaa 12 n battala caccabuu gabaafame.
Habashoonni Oromoo yeroo goyyomsan biyya tokko ijaarra,nuti Itoopiyaadha jechaa gochaan isaan Tapha guutuu IMPAAYERAA ITO kan marsaa 4ffaa irraatti ilmaan Oromoo waltajjii ifaa irraatti salphiste madaa hin qoorree irraatti dhukkubbii quba harkaa nutti ta’eera. osoo waan gootee beektee fuulumti ishee gara Oromiyaa hin ilaaluu ture. Oromoon Qa‘ee isaarratti salphatee,waardiyyaa diinaa gadaan itti dhaabbatu darbee jira.guyyurraa qabsoo diina qaanfachiisuu fi salphisuu abbaa biyyummaa fi abbummaa qabeenyaa haala itti mirkaneeffannuuf dadhabbii tokko malee wareegga ni baasna

Wednesday, April 9, 2014

Barattooti Oromoo Uni Adaamaa 20 ta’an Kabajaa Yaadatnoo Anooleef Osoo Deemanii Isin ABOn dha Sababa Jedhuun Hidhaman

Ebla 8,2014 Gabaasa Qeerroo Adaamaa
BilisummaaDargaggoonni seenaa dhugaa dhaale,kutannoo fi murannoo onnee irraa madden seenaa Oromoo irraa kanneen hubatnaa gahaa qaban ilmaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf boqonnaa hin qabne   seenaan bu’ura hundaa ta’uu isaa warri adda durummaan beekaan Yaaddannoo wareeggamtoota haadhoo fi abboolee(Anoolee)f jecha Adaamarraa hanga Aanoleetti lafoo deemsa taasisaniin km 66 miilaan(lafoo) kanneen kabajaaf deeman 120 keessaa barattoota Oromoo 20 mootummaan Wayyaanee hidhaatti galche.
Kanneen keessaa 17 shamarree Oromoo yeroo ta’an,Yaadatnoo Anooleef jecha amna dheeraa miillaan deemuun gochaa hammeenya diinaa yeroo yaadatan,bakka kabajaa sanii gahuuf km 9 duwwaan yemmuu isaan hafu bulchiinsa magaalaa Heexosaa aanaa Heexosaa Itayyaatti qabanii kaayyoo kamabajaa Anooleef jecha miillaa luqa’anii dhiigaa kanneen achi gahan keessaa nama 20 alaabaa ABO qabattanii jirtu sababa jedhuun dabarsanii loltoota Wayyaaneetti kennan.
Haalli kun akkaataa itti raawwate guutuun isaa,  Dargaggoonni kuni guutummaan isaanii magaalaa Adaamaa irraa kan ta’aan yemmuu ta’an gartokkeen isaanii Yuuniveersitii Adaamaa irraa fi gartokkeen immoo magaaluma adaamaa irraa barattoota koollajjii fi jiraattota,akkasumas  ijoollee gumii  adda addaa irraatii walitti qabamaniidha.  Ka’umsi  deemsa kanaa Gumii  GADAA’O   kan gidduu gala bashaannana dargoogata oromoo ganda 14 magaalaa adaamaatti argamuun kan qindaa’ee yemmuu ta’uu dura ta’aan Gumichaa HUHAABBAA HUSEEN  beekamtii deemsi kuni karaa nagaa’a jedhuun bulchiinsa magaalaa irraa waraqaa baasisee ture wanna jedhamuun  beeksisni bahee gaafa  jimaataa sa’aa 10 irratti manaa POOSTAA magaalaa adaamaa irraa deemsa kan eegale  dargaggoota 120 kanneen keessaa durboota 17 yemmuu ta’an. erga magaalaa DHEERAA  AANAA DODDOTAA geenyee gareetti wal buusee  namooni 20 kophaatti bahanii karaa qaxxaamuraa kan deemaan yemmuu ta’an isaan kunneen ilaalcha adda fi ergama biraa qabu jechuun qoqqobbiin kan ka’ee alaabaa ABO FI Waraqaa baadiyyaa keessa rabsaa deemuufi nurraa adda bahan kan jedhuun basaastoni deemsa dadhabbii guddaa gaafate kana kan karaa dabarsan yemmmuu ta’u maqaan ijoollota kanaa
1,Addunyaa keessoo…….Yuuniversitii saayinsiifi teeknoloojjii adaamaa
2. Walabummaa Dabalee              >>
3,Taaddasaa Abbabaa                    >>
4.Hirphaa Nagaasaa                      >>
5.Barsiisaa dassaalenyi                 >>
6.Mokonnin kabbadaa                 >>
7.Seefuu Baacaa                           >>
8.Hurrumaa  Bashaadaa              >>
9.Ayyaanaa Tafarraa                    >>
10.Ayyaantuu…..kophee malee ishee km 66 deemte yemmuu taa’u  filmii caayaa piroomoshinii adaamarraa
11.Eebbisaa  Margaa      filmii caaya piroomoshinii irraa
12.Caaltuu  Nugusee      barattuu koolloojjii riftii vaalii
13. Iftuu         jiraattuu magaalaa adaamaa
14.Ifaabaas   jiraataa magaalaa
15 Bilisummaa    jiraataa magaalaa adaamaa
16.Baay’isee barattuu koollajjii baalata’oo
17.Milkoo  Milkeessaa barattuu kollajjii riftii vaalii
18.Gammachiisaa Dhaqqabaa Waariyoo Mucaan kuni basaastummaa kan ergame ta’uun irra gahame fi bakkeen isaa kan hin beekamnee dha
19 Gammachuu jiraataa magaalaa adaamati
20 Esheetuu  jiraataa magaalaa adaamati
Namoonn  20n kuni galgala sa’aa   1 halkaan keessa gaafa sanbat duraa kan qabanii tooftaadha hidhamanii harka wayyaanee bulaniidha  Aanolee erga miilaan gahanii booddee  namoonni 100 bulchiinsi magaalaa simannaa godheefi malaan kan karaa bulcheedha akka isaan achin geenyeef,isaan kunnen kan hedhamaniif ijjoollota 20 nu duukaa dhufan bakka itti hiitanii fuunu malee hin deemnu  waan jedhaniif kan hidhaman. sababni hidhaameef waa tokkollee hin beekkamne akkamitti lafoo dhufatanii sin shakkamtoota bosonaa dhuftaan alaabaa qabduu waraqaa qabatanii eebbaa siidaa kanaa gufachiisuufi waan jedhu duwwaattu afaani isaan bahaa.Akkaataa kanaan guyyaan yaadannoo sun xumuramee jira.

Tuesday, April 8, 2014

Ethiopia’s borderless cyberespionage


chinese- and European-made spyware is enabling Addis Ababa to silence dissent
April 7, 2014 9:00AM ET

I met Abdi (not his real name), a 32-year-old primary school teacher from Ethiopia’s Oromia region, last July while in Nairobi. Abdi had been arrested a year earlier in his hometown for organizing a protest against local government corruption. He was already under the eye of Ethiopian security officials because he refused to provide information on the activities of his students to local authorities.
Over the course of two weeks in detention, Abdi was repeatedly beaten and accused of belonging to the Oromo Liberation Front (OLF), which originated in nationalist movements fighting for increased autonomy in the 1960s. The Ethiopian government considers the OLF a terrorist organization and uses the threat of an armed struggle to justify repression of ordinary Oromos, who constitute Ethiopia’s largest ethnic group.
The harassment continued after Abdi was released. Eventually, like thousands of other Ethiopians, he felt compelled to flee to Kenya, leaving behind his wife and two children. After some time in Kenya he called home and spoke to his wife, who told him that security officials had been harassing her since he left. That was the last time he spoke to her.
Abdi later learned from neighbors that security officials came to their house hours after his call, demanding to know who was calling her from Kenya and accusing her of being in contact with rebel operatives there. He no longer calls Ethiopia and does not know the whereabouts of his family.
Abdi’s story is not unique. In the last two decades, tens of thousands of Ethiopians have fled their country because of government repression or limited economic opportunities. Most of these migrants, especially those living in neighboring African countries, fear that if they communicate with their families back home, their calls will be traced and their relatives will face repercussions. As new research by Human Rights Watch shows, their fears are well founded. The fear that permeates the lives of many inside Ethiopia has been successfully exported to other countries. 
Ethiopian expats, including those living in the United States, have become targets of Addis Ababa's global espionage. 
The state-run Ethio Telecom is the sole provider of phone and Internet services in Ethiopia. The Chinese telecom equipment and systems company ZTE is helping Ethiopia modernize its telecommunications infrastructure. The Ethiopian government uses a Chinese-developed telecom system to monitor and control the communications of its citizens and to silence dissenters both in Ethiopia and abroad. Security officials have unlimited access to the phone records of everyone in the country who owns a phone. During abusive interrogations, security officials often play back recorded phone calls to people in their custody. Those calling or receiving calls from foreign numbers are particularly at risk of reprisals by a government keen to punish those it considers a threat.
But Ethiopia goes even further to monitor dissenting voices outside its borders. The government has acquired and is using commercially available European-made spyware — namely the U.K.- and Germany-based Gamma International’s FinFisher and the Italy-based Hacking Team’s Remote Control System — to monitor dissenters in other countries, effectively extending its surveillance capabilities far beyond its borders. These tools provide security and intelligence agencies with full access to files and activity on an infected target’s computer. They can log keystrokes and passwords and switch on a device’s webcam and microphone, turning a computer anywhere in the world into a listening device. Ethiopian expats, including those living in the United States, the United Kingdom, Norway and Switzerland, have become targets of this global espionage.
In late 2012, security officials detained the wife of Yohannes Alemu, a Norwegian citizen and member of a banned opposition group, as she was visiting family in Addis Ababa. They questioned her about her husband’s political connections. Then the security officials demanded information from Yohannes via phone and email about his opposition party colleagues. He refused; after 20 days his wife was finally released and returned to Norway.
But the incident did not end there.
One of the emails he received contained an attachment infected with FinFisher spyware. Once he had downloaded this spyware, the Ethiopian security agencies had unfettered access to all the information on his computer.
While people around the world are right to be shocked by former National Security Agency contractor Edward Snowden’s revelations of mass surveillance by the U.S. government, they should also be concerned that repressive governments such as Ethiopia’s are purchasing and using advanced technologies to target independent voices beyond their borders. The export and use of these European-made commercial products remains virtually unregulated. This is particularly worrying given that evidence exists that similar technologies may be in the hands of authoritarian regimes throughout the world.
These technologies enable repressive governments to monitor dissenting voices in other countries — even in countries where privacy rights are stronger and legal protections are in place to limit state-sponsored surveillance.
The United States, European Union and other donors that together provide an estimated $4 billion in annual aid to Ethiopia should take concerted steps to stop this abuse. They should support global efforts to regulate the export and use of such technologies to governments with poor human rights records. African governments should also speak out and make it clear to Ethiopia that it is an infringement on basic rights to use these technologies to spy on citizens outside of Ethiopia’s borders — people who are all too often seeking protection from repression back home. 
Felix Horne is an Africa researcher at Human Rights Watch and co-author of a new report, “‘They Know Everything We Do’: Telecom and Internet Surveillance in Ethiopia.”
The views expressed in this article are the author's own and do not necessarily reflect Al Jazeera America's editorial policy.