Sunday, May 4, 2014

Caamsa 3,2014 Finfinnee
 Naqamtee. Barattootni mooraa keessatti hafan diddaan keenya itti fufa humna tokkoomeen fi uummata waliin taanee boodatti hin jennu kan hidhameef haamileen kenya nun bu’u jabinaan itti fufna jedhhu Qeerroon mooraa Yuuniversitii Wallaggaa guyyaa har’aa daran wal qindeessaa oolan.
Yuuniversitii Wallaggaa dame eShaambuu. Akkasuma barattootni sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Shaabuu har’a itti fufee oole.
Sibuu Siree:-  guyyaa har’aa gaaffii wal tahuudhaan waajjira poolisii magaalaa Siree deemuudhaan gaafatanii jiru,barataan keenya haga yoomitti rasaasaan reebamee du’aa,haga yoomitti mana hidhaatti guuramaa? Lafti keenya haga yoomitti gurguramaa? jechuun hedduun umuriin isaanii 12 fi 16 gidduu ta’an barattootni waliin bobbadhudhaan gaaffii mirgaa gaafatanii jiru poolisiin magaalaa kanaallee gaaffii isaanii deggeruudhaan argame jedhu Qeerroon magaalaa Naqamtee irraa addeessu.
Magaalaa Baakkoo:- guyyuma kana Qeerroon magaalaa Baakkoo tokkummaan ka’uun waajira Poolisaa deemuun gaaffii mirga Oromoo fi abbaa biyyummaa ifatti gaafataa turan.
Yuunibarsiitii Walqixee : guyyaa har’aa Camsaa 3/2014 Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi bilisummaa Oromoo Qeerroowwaan barattootni Oromoo fi uummaanni Oromoo, Oromiyaa guutuu keessaatti gaggeessa jiran gaaffii keenya, jechuun gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, jechuun Sagaalee isanii dhageesifatan.
Kibbaa Lixa Shaawaa:- kanneen akka wancii (Leemaan), Tajii, Sabbataa, aanaa Sadan Soodoo fi Ammayya fa’itti FDG’n itti fufee jira.

Saturday, May 3, 2014

Guyyaa Har’aa FDG Magaalota Akka Baakkoo, Xiiquur Incinii, Tokkee Kutayee, Midaa Qanyii, Haalan jabaatee itti fufee jira.


FDG Magaalaa Bakkoo Caamsaa 3,2014

Baakkoo
Baakkoo2

FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabsiifame Itti Fufe!


OromiaALutaContinua2011FDG
Caamsaa 3/2014 FDG jabaatee itti fufe haala kanaan gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraasii itti fufuu irraan Wayyaaneen nagaa hin dhageenye amma illee sagalee qawween malee uumataaf deebii kennuu didaa akka jiru dhagahama.
Guyyaa har’aa Godina Lixa Shawaa aanaa Shananitti uummaanni daandii shanaanii Xiqur Inciniii geessuu akka banamuu hin dandeenyetti cufamee diddaan cimaan kan qoteebulaa waliin gamtaan ka’e qabsiifamera.Waraanni Wayyaanees uummata meesha maleeyyi itti rasasa matarayasii dhukaasuun ajjeesaa jira. Yeroo kanatti Aanaa Shaanana irratti ilmaan Oromoo 3 wareegama Qaalii
kanfalan. Shamarreen Oromoo Hayinaaleem Guutuu dubara waggaa 14ti fi dargaggoonni 11 biroo yeroo amma mana hidhaa qabamanii akka jiranii fi Obboleessii ishee da’imni waggaa 9s akka ajjeefamee jiru gabaasi ammaaf achi irraa dhihaate addeessa
.

Friday, May 2, 2014

Oromian News Update:-Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennate.Waajjirri Bulchiinsa Midaqenyii Ummataan Tohatamte.


Geedoo fi tokkee kuttaayyee
Uummanni Oromoo lixa Shawaa Aanaa Midaaqenyii Waajjira Bulchiisa to’ate, bulchaan Bulchiinsa Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa uummatatti harka kennatee jiraachuun dhagahame. Uummanni kanaan boodaa mootummaan jira jettee wajjira galtee beekii jechuun akkeekkachiisuun wajjira cufee ba’uu, danda’era. Hiriirri nagaa fi FDG Oromoon gaggeessaa jiru kun Caasmsaa 3,2014 ganama irraa eegalees itti fufa.
Har’uma Caamsa 2,2014 Magaalota Geedoo fi Baakkootti Uummanni Oromoo fi barattoottni hiriira guddaa gaggeessuun FDG kaasuun falmachaa oolan. Boorus itti fufa.
Horroo Guduruu bakkoota adda addaa keessatti hamma galgala kanaatti itti fufee jira.Caasaa 3,2014 bifa addaan itti fufuuf deemuu qeerroon gabaasa
.

Qabsoon Itti Fufe Duubatti Hin Deebi’u!! Ibsa Haala Diddaa Kibba lixa sahawaa irratti kenname


Diddaa
May 2,2014 Lixa Shawaa
00:00
00:00
Breaking News;-Caamsaa 2/2014 ,Godina Lixa Shawaa Aaanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Midaa Qanyii Goodaa Galaan, M/b Qanyii Bahaa Biftuu Sadarkaa 2ffaa fi Mana barumsaa Ballammii Sadarkaa 2ffaa fi Qopha’ina, fi Qonnaan bultoota Oromoo fi Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa kanneen akka Baaroo Bidaruu fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hedduu aanicha keessatti argamaniin gaggeeffamaa jira.
Aanaa Ginda Barat Magaalaa kaachiisii fi Abunaa Gindabarti keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irraatti argama.
Aanaa Xuuqur incinnii Magaalaa Dirree Badhaas keessatti uummaanni fi barattootni sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi barattootni Manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa fi uummaanni walitti dhufuun FDG gaggeessuun bilisummaa isaaf falmachuu irratti argama. Suuraa Barattoota Oromoo wareegamanii qabachuun uummannii FDG duubatti deebi’uu hin dandeenye gaggeessa jira.

alaabaa

Thursday, May 1, 2014

Goototni Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa FDG qabsiisuun diina raasan. Dhaadannoolee garaa garaas dhageessisan

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo D.Dawaa
Dirree DaawwaaMootummaa wayyaanee irratti diddaan Barattootaa jabaachuudhaan kan itti fufe Yuunivarsiitii Dirree Dawaa keessatti finiinuun itti fufe. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha, Hundeedhaan buqqauu qaba, Kanneen hidhaman nuuf haa hiikaman, Siidaan Minilk haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaatu, Lafa naannawa Finfinnee Murree hin kenninu jechuudhaan dhaadannoo qababachuudhaan ganama saa 8:00 AM irraa kaasanii dhaadannoo dhageessisuu kan eegalan Barattootni Yuunivarsiitii Dirree Dawaa Uummatni Oromoo magaala Dirree Dawaa keessatti argamus Dargaggootni Oromoo hiriiraa fi dhaadannoo dhageessifamaa turetti dabalamuun mootummaa wayyaanee dhiphina guddaa keessa seensisee jira.Goototni barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Dirree Dawaa mootummaan wayyaanee hiriira nagaa seera biyyaan lafa kaawe deebisee dhorkuun isaa abbaa irrummaa isaa dachaan mirkansa kan jedhan yoommuu tahu wayyaaneen waraana hedduumminaan bobbaasuun reebichaa fi doorsisaan akkasumas hidhaan dura dhaabbachuu yaaltus barattootni Oromoo gamtaan kauun diina dura dhaabbachuun dhaadannoo dhageessisaa oolanii jiran.
Dirree DaawaBarattootni Oromoo Yuunivarsiitii kanaa Waamicha Oromummaa nu dhaqqabeen gahee keenya baane jechuun Uummatni Oromoo qotee bulaan, daldalaan, Hojjetaan nuyi ilmaan keessan ulee diinaan rukkutamaa fi ajjeefamaa waan jirruuf bakka jirtanii kaatanii waan qabdan maraan diina keenya Wayyaanee dura akka dhaabbatan jechuun Waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.

May 1,2014 Oromian News Update

OromiaALutaContinua2011FDG
Ilu-Abbaa Booraa, Mattuu:- Camsaa 1/2014 Godina Kibba Lixa Oromiyaa Iluu Abbaa Booraatti FDG utuu wal irraa hin citiin guyyaa 4ffaaf jabatee itti Fufe. Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuu fi kolleejjii Barsiisota Mattuu, Uummata Oromoo magaalaa Mattuu fi Dargaggoota Oromoo magaalaa Mattuu hidhaan, reebbichii, dhukaasaa sagalee gurguddaa qabu irratti dhukaasuun, gaazii summaa’aa nama bossisuu irratti dhukaasuun kayyoo fi ejjeennoo Qeerroo dargaggootaa fi Barattoota Oromoo jijjiruu hin dandeenye, guyyaa har’aa qotee bulaan godinichaa fi nannawaa magaalaa Mattuu Jiraatu FDGtti dhufee dabalamee gaffii keenyaaf deebii nuuf kennaa jechuun dhaadannoon itti fufe.
Waan ajaa’ibsiisaa ta’ee dargaggoonni fi barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu hiriira ba’anii dandii guddaa Magalicha keessa fi daandii gara Yuunibarsiitii Mattuutti geessuu cufuun taa’anii hanga deebiin nuuf kennamutti hin kaanu yoo nu fixxan nu fixaa jechuun poolisoota dhalootaan Oromoo ta’an garaa raasaa jiru, waraannii fi Federallii reebee itti dhukaasee akka wareeranii baqataniif yaalii hedduu godhee dadhabuutti jira uummannii fi barattootni deebii nuuf kennaa jechuun ammallee dhadannoon itti fufe.
Lixa Shawa Amboo fi Gudar :- Caamsaa 1/2014 Godina Lixa Shawa Amboo fi Gudaritti FDG jabaatee Itti fufee jira Ummaanni Oromoo fi Dargaggeessii,dargaggoon keenya du’ee, uummanni keenya dhiigni dhangala’ee, manatti deebinee hin galluu bilisummaa keenyaaf wareegamna jechuun Uummaanni Magaalaa Amboo fi Gudar walitti dabalamuun falmii qabsoo gitaa gaggeessuutti seenee jira. Har’a Hirriira guddaatu Magaalaa Gudar keessatti gaggeeffamaa jira, Uummaannii Buufata Waraanaa Magaalaa Gudar keessaa jirutti Ibidda qaqbsiisuun kambiin waraanaa Gudar irra jiru gubachaa jira. barattootni Oromoo lama Magaalaa Gudar irraatti rasaasan rukutamanii Wareegamuu hin hafne amma bilbilatu seenuu didee rakkachaa jirra,
Dandiin Amboo Wallaggatti geessu ammas haalaan cufamaa jira, daandiin guddaa konkolaataan Finfinnee gara dhiha Oromiyaa geessuu kun badiyyaattii bakkoota akka Tokkee, Baabbicha, Gooroo Soolee jedhaman fa’itti qotee bulaan ba’ee muka karaa irratti jigsuun cufee jira. karaan darbaa magaalaa Amboo keessatti rakkisaadha, Waraannii guddaan Magaalaa Amboo keessatti uummata waliin wal reebaa jira.
Magaala Amboo:- Barsiisota Oromoo Mana Barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa irraa humna waraanaa Wayyaaneen ukkaffamanii qabamanii hidhaman
1. Barsiisaa Nahiim Waaqumaa Barsiisaa Herreega
2. Barsiisaa Waqjiraa Marabbaa barsiisaa Geography
3. Barsiisaa Ababaa Caalumaa Barsiisaa Herreegaa
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Amboo irraa guyyaa har’aa Caamsaa 1,2014  hidhamanis:-
1.Barataa Caalaa Fayisaa mummee Fayyaa waggaa 3ffaa
2.Barataa Wabii Xilahuun Mummee Afaan Oromoo Waggaa 3ffaa fi Barreessa kitaaba mata dureen isaa ‘Hidha-Hiikame” jedhu kan barreesse.
3. Barataa Damee Aliyyii Aggro Business waggaa 3ffaa,
4,Barataa Gadaa Samu’eel Farmaasii Waggaa 1ffaa kannen keessatti Argaman