Saturday, February 15, 2014
Friday, February 14, 2014
Thursday, February 13, 2014
Obboo Baqqalaa Nadhii du’aan Addunyaa kanarraa boqotan
Obboo Baqqalaa Nadhii du’aan Addunyaa kanarraa boqotan
Guraandhala 13, 2014
Obboo Baqqalaa Nadhii (80) gootota Waldaa Maccaa Tuulamaa bu’urreesanii wareegama bu’urri waldichaa gaafate gurgurdoo kanfalan keessaa issaan tokko. Obboo Baqqalaan Bu’ura waldaa Maccaa Tuulamaarraa kaasee amma guyyaa kaleessaa Guraandhala 11/2014 du’aan Addunyaa kanaarraa darbaniitti Itti aanaa prezdaantii, prezdaantii kabajaa fi gorsaa seeraa ta’uun tajaajila olaanaa gootummaa cimaa gaafte kennaa turuu isaanii oduun ogganoota waldichaa irraa hargame hibsee jira.
Bara mootummaan Hayilaselaassee ogganoota Waldaa kanaa kaan hidhee kaan lubbuu galaafatee prezdaantii waldichaa Koloneel Alamuu qixxeessaa fa’aa gizoot galche Obboo Baqqalaan kutannoo dhaan dhimma waldichaa fi ogganoota issaa hordofaa turan. Bara1991 booda yaroo waldichi banametti amma Koloneel Alamuun lubbuun jiranitti itti aanaa prezdaantii, prezdaantii kabajaa fi gorsaa seeraa ta’anii ojjachaa turan.
Obbo Baqqalaan edda Prezdaantiin Maccaa Tuulamaa kan bara dheeraa Koloneel Alamuun boqotan booda waggaa tokkoof waldicha prezdaantummaan tajaajilaa turanii fe’ii issaaniitin bakka kana Dr. Gammachuu Magarsaatti dabarsanii kennan. Yaroo Prezdaantummaa Dr. Gammachuu Magarsaa waliigalteen dhibee waldichi jeeqamnaan Obbo Baqqalaan haala ture tasgabbeesuu keessatti qooda guddaa gumaachan. Ofuma isaaniif akka filannoon haaraan godhamu haala mijeessanii waldicha jidduutti tasgabiin akka huumamu godhan.
Bara mootummaan amma aangoo biyyatti qabee jiru kun seerammallee waldaa kana cufee ogganoota issaas prezdaantii waldichaa Obboo Dirribii Damisee dabalatee jimlaan mana hidhaatti guure miseensota boordii kanneen hidhaa irraa hafan qindeesuun dhimma ogganoota mana hidhaatti guuramanii itti dhiyeenyaan hordofaa gama biraan waldaan seera malee cufame akka banamu yaroo dheeraa muggutanii akka banamu godhaniiru. Yaroo waajirri waldichaa mootummichaan cufametti dhoksaa fi hifatti bakki hojii issaanii bakka walgahii boordii waldichaa akka ta’u gochuun hojiin waldaa kanaa akka addaan hin cinne qindeessaa turuu issaaniitu beekkama.
Obboo Baqqalaan ogeessa seeraati. Dhimma seera ilaaluun waldaa kanaa fi miseensota waldichaa dadhabbiif nuffii tokko malee amma gaafa guyyaan issaanii ga’ee du’aan boqotaniitti boqonnaa malee tajaajilaa akka turan seenaa issaanii qabatamaa irraa hubachuun nama hin gaddu.
Hafteen maangudoota maccaa Tuulamaa nurkaa bilqaa jiru. Obboo Baqqalaa Nadhii Dhiira gaafa giitii, nama gaafa lafee turan. Dhaabbanni issaanii magaala dheeraa gaaltama qoma babal’aa, korma OROMOOn gaafa xiiqiif abdattu turan Obboo Baqqalaan. Umuriin issaanii akka Adoolessa 2013 keessa gaafii fi deebii sabboonaa tokko waliin godhan keessatti isaanumarraa dhagahametti amma waggaan issaanii 80 ta’a. Issaan karaa argatan hundaan waan uummata issaanif ta’u halkanii guyyaa sodaa fi nuffii malee godhaniiru waan ta’eef jireenya issaanii keessatti waanti irraa hanqate hin jiru. Guutuu dhalatanii, guutuu jiraatan.
Dhibee onneen qabamanii ji’oota sadan darbaniif mana hakimaatti yaalama turanillee dhibee qaberraa damdamachuu hin dandeenye. Guraandhala 11 bara 2014 dhalatanii waggaa saddeettammaffaati addunyaa kanarraa du’aan darbanilleen seenaan issanii gaariin sammuu uummata saanii keessatti barabaraan jiraata.
Guyyaan gaggeessaa / Awwaalcha / issaanii Guraandha 13/2014 sa’aa 6 guyyaa keessa Finfinnee Bataksaana Saaris Aabboo jedhamutti raawwachuuf akka jiru ogganni waldaa Maccaa Tuulamaa biyya irraa hibsee jira.
Maatii fi firoottan gooticha OROMOO Obboo Baqqalaa Nadhiif jajjabina, Ekeraa issaaniif qabbana hawwaa nagaa itti dhaamuu malee waantti godhan maaltu jira.
Tesfaye Kenna
USAID’s cover-up of Ethiopia abuses overruled by Congress
USAID’s cover-up of Ethiopia abuses overruled by Congress

The US Congress has acted to prevent aid being used to support the forced evictions of Mursi, Bodi and Kwegu tribes from their ancestral land in Ethiopia’s Lower Omo Valley
February 12, 2014 (Survival International) — The United States Congress has acted to prevent its aid to Ethiopia being used to fund forced evictions of tribal peoples in the south west of the country.
The provisions in the Omnibus Appropriations Bill for 2014 represent a slap in the face for USAID, which last month said that ‘there are no reports of widespread or systematic human rights abuses’ in the region.
In fact, tribes of the Lower Omo Valley are being violently evicted from their villages by the government to make way for lucrative cotton, palm oil, and sugarcane plantations whose irrigation will be made possible by the controversial Gibe III dam. Transferred to designated resettlement areas, the once self-sufficient tribes will be left with no access to their livestock or lands and, consequently, will be unable to sustain themselves. Intimidation tactics, such as rape and beatings, have reportedly been used against those who resist resettlement.
One Mursi man told Survival International, ‘We are waiting to die. We are crying. When the government collects people into one village there will be no place for crops, and my children will be hungry and have no food.’
The Ethiopian government has not consulted any indigenous communities over its aggressive plantation plans in the Omo Valley, and very few were consulted over the construction of the Gibe III dam.

This sugarcane plantation, part of a government sponsored land grab, now occupies land used by tribes of the Lower Omo Valley since time immemorial.
The region’s top human rights body, the African Commission on Human and Peoples’ Rights, has written to the Ethiopian government asking it to halt the forced resettlement of the Lower Omo tribes while it investigates Survival’s submission regarding human rights violations in the area.
Ethiopia is one of the biggest recipients of American and British aid through the United States Agency for International Development (USAID) and the UK Department for International Development (DFID).
Although the provisions in the recent spending bill will force USAID to reevaluate the funding given to Ethiopia, it will ultimately be the responsibility of Congress to guarantee that the terms are upheld.
Survival International Director Stephen Corry said today, ‘This bill is a huge step in the right direction, and shows that USAID’s shameful denials of the human rights abuses being committed in the Lower Omo simply haven’t been believed.
‘American taxpayers want to be sure that their money isn’t going toward the destruction of tribal peoples’ lives. Hopefully the historic provisions in this year’s spending bill will ensure that’s the case. It is now high time that British parliamentarians follow suit and ensure that DFID does not use UK taxpayers’ money to fund human rights violations in the Lower Omo.’
Source: Survival International
Subscribe to:
Posts (Atom)

