Barattooti Mooraa Kolleejjii Barsiisota Kotobee Diddaa Gabrummaa Eegalan.

Akka madda gabaasa Qeerroottii kaleessa Guraandhala 25 barattooti wal gayii teesisuudhaan qabxiilee ejjennoo lama kaayyatan.
- Kanaan booda qabxiin dhaabbataa (fixed) ta’a malee akka argannoo qabxii mitii kan jedhu barattootatti himanii waan jiraniif barattootni yaada kana hin fudhannu,nu miidhuu barbaannaan kallattiidhaan akkuma nu miidhaa jirtaniitti itti fufuu dandeessu gaggeeffamni qabxii akka kanaan duraatti itti fufuu qaba jedhuun gaafachuu fi yoo mootummaan kan dide barnoota dhaabuun gaaffiin mirgaa akka itti fufamu.
- Gaaffiin mirgaa biyya Itiyoophiyaa keessatti ka’ee jiru kan haqaa fi kan mirgaa waan ta’eef cinaa ni dhaabbanna. Hidhamtooti yakka malee maqaan siyaasaan hidhaman akka gadhiifaman,warri lafa irraa buqifaman qe’eetti akka deebi’an.

Barattootni barumsaaf fedha akka dhabanii fi roorrifamuu irraa walaba tahuu feena kan jedhus dhaadannoo tikoota Wayyaaneetti dhageessisaa jiru,diddaan isaanii akka itti fufu gabaasaa Qeerroo irraa hubatama. FDG bakka hundaatti itti fufa!
http://qeerroo.org/2014/02/26/mooraan-kolleejjii-barsiisota-kotobee-diddaa-gabrummaa-eegalan/
No comments:
Post a Comment