Tuesday, March 25, 2014

Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromootiin bifa harawaa fi qindawaan itti fufe.

Bitootessa 24/2014 Godina Shawaa Lixaa Magaalaa Ambootti FDG Qeerroo Dargaggoota Oromootiin bifa harawaa fi qindawaan itti fufe. Qeerroon baratootni Oromoo dhaabbilee barnootaa olaanoo biyyatii Yuunivarsiitootaa fi koolleejjota garagaraa irraa eebbifaman kanneen baay’inni isaanii 100 ol ta’aniin haala qindoomina qabuun qabsoon hojii dhabdoota baratoota Oromoo sadarkaa barnootaa digirii jalqabaa fi dipilomaa qabaniin egaale jira.
Gootootni Qeerroon dargaggootni Oromoo biyyaa abbaa keenyaa Oromiyaa badhaatuu keessatti hojiidhabdee taanee, jiruuf jireenyaan dararamaa jiraacha jirra, jechuun Wajjiraa bulchiinsaa Godina fi Wajjiraa komishinii Poolisii Godina Lixaa Shawaa fulduraatti walitti qabamuun gaaffii isaanii qindeeffatanii bulchiinsa godina lixa shawaatti yeroo dhiyeeffatanitti hojjetootni ergamtuun sirna Wayyaanee godinichaa bulchaan Godinaa waan hin jirreef yeroo inni jiruttii gaaffii keessan isin irra fuudhamaa malee ofii keenyaa deebisuu hin dandeenyu jechuun deebii sodaan guutame kenaani jiru.
Komishiniin Poolisii Godina Lixaa Shawaas gaaffii keessan kan nuti deebisuu hin dandeenyu bulchaan godinaas hin jiruu jechuun namni gaaffii hojiidhabdoota baratoota Oromoo keessuummeessuu dhibamuun biyyaattiin mootummaa mataa ishee kan hin qabne ta’uu kan mul’isuu ta’uun ifatti saaxilamee jira. Mootummaan Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee gaaffii dargaggoo Qeerroo Oromoo jalaa lafa seentu dhabdee muddama cimaa keessa seentee jiraachuun hubatame jira. Boodarraan erga deebiin kun baratoota Oromoo barnoota xummuraanii hojii dhabanii jiruuf jireenyaan dararamaa jiran kanaaf kennamee boodaa komishiniin Poolisii godina Lixaa Shawaa fi humnoonni basaasaa wayyaanee baratoota Gaaffii Mirgaa dhiyeeffatan gooluuf poolisoota fi humna waraanaa hidhachiisuun dorsisanii addaan bittineessuuf yaalii godhamee Goototni baratootni Oromoo nuti mirga keenyaa falmachuuf baanee waan ta’eef dorsiisaa, hidhaa, du’aaf illee duubattii kan deebinu hin se’iina, gaaffii kenyaa nurraa fuudhaa nuf deebisaa, yoo kana hin gootaan ta’ee biyyaa gadhiisaa abbaan biyyaa dhufee biyyaa fi nuyi uummata isaa seeraan haa bulchuu jechuun afaan qabachiisaan.
Humna tikaa fi baasaasaa Wayyaanee godin Lixaa Shawaa kan ta’ee kan yeroo hedduu ilmaan Oromoo bakkota garaagaraatti hisiisaa, ajjeesisaa, fi biyyaa irra arii’achaa ture namni maqaan isaa “Leejjisaa Jootee” jedhamuu uummata doorsisuun   walga’ii seeraan alaa walitti qabamtan hundii keessan iyyuu ni hidhamtuu jechuun ergama diinummaa isaa bahuuf yaalii godhullee goototni sabboontotni qeerroo dargaggootni Oromoo mirga keenya kabachiifachuuf gaaffii karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyeeffachaa jirruuf duubatti hin deebinu ati mataan kee seeraatti dhiiyachuu qabda malee nu shororkeessuu hin dandeessuu jechuun dura dhaabbatan. Komishiniin Poolisii Godinichaa baratoota tasgabbeessuuf yaalii godhullee jechootni dabbaloota Wayyaanee akka ergamticha diinaa ”Leejjiisaa Jootee” keessa ba’uu dhiiga kan nama danfisuu ta’uu, baratootni ifatti dubbachuun gaaffiin mirgaa hojiidhabdummaan walqabatee ka’ee kan itti fufuu fi hin dhaabbannee ta’uu hubachiisuun Gaaffii har’a kaasaan kanas lafa bulchiinsii godinichaa jirutti itti fufinsaan fulduratti kan dhiyeeffatan ta’uu murteessuun kan gargar bahan ta’uun ibsamera.

Saturday, March 22, 2014

Kibba Lixa Shawaa M/B Haruu Culullee Keessatti Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Kaasan Gara Aanaatti Babaldhate.

Gabaasa Qeerroo Amboo Bitootessa 21,2014 
Diddaan sirna mootummaa Wayyaanee gaafa Bitootessaa 18/2014 godina kibba lixaa Shawaa Aanaa Sadan Sooddootti FDG qabsiifameen ummannii fi loltooti mootummaa Wayyaanee walitti bu’aa jiraachuun beekame.
Goototni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina gochaa abbaa irrummaa sirna bulchiinsa EPRDF Wayyaanee yeroo irraa gara yerootti gaafa baasee ilmaan Oromoo barnoota irraa arii’atu, balleessa malee qabee mana hidhatti darbatuu fi mirgaa uummata Oromoo ukkamsee jiraachuu barbaadu balaaleffachuun hiriira mormii mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessan.
Sababi guddaan hiriira mormii kana kaases mootummaan abbaa irree Wayyaanee fi ergamtuun Wayyaanee OPDO’n barataa sabboonaa Oromoo Barataa Gabbisaa Tammiruu barataa kutaa 12ffaa kan baratuun ati kayyoo ABO tu si keessa jira kayyoo diinaa baattee barachuu hin dandeessu jechuun M/B irra arii’atamuun FDG kana qabsiisee jiraachuun beekame.
Gootootni baratootni Oromoo M/B Harbuu Culullee gochaa diinummaa Wayyaanee balaaleffaachuun hanga barataan Oromoo balleessaa malee arii’amee kun barnootatti deebi’utti barnoota hin barannu jechuun hiriira mormii gochaa diinummaa sirna Wayyaanee balaaleffachuun gaggeessuun, dhaadannoo ilmaan Oromoo hidhuun, ajjeesuun, barnoota irraa arii’achuun nurraa dhaabbachuu qaba jedhuufi kannee mirgii dhala namaa fi dimookiraasii kabajamuu qaba jedhu dhageesisuun hiriirichaa magaalaa Harbuu Culullee keessa nanna’uun sagalee isanii dhageesifata.
Sabaaba kanaan walqabatee M/b Harbuu Culullee Sadarkaa 2ffaa fi qophaa’ina keessatti sirni baruuf barsiisuu dhaabbatee jiraachuun
gabaafamera. Mootummaan abbaa irree Wayyaanee sochii kanatti haalan rifachuun soochii warraaqsaa FDG baratootaa kana duuban keessa jirtu jechuun barsiisota mana barumsicha qorannoo fi doorsiisan dararamaa jiraachuu maddeen keenya kibba lixa shawaa irraa gabaasa jiru, sochii FDG kanas ukkaamsuuf humna waraanaa fi poolisaa guddaa magalittii irra qubsiisuun jiruuf jireenya uummataa hunkuraa jira.

Thursday, March 20, 2014

Mormiin Sirna Mootummaa Wayyaanee Qabsiifame Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaan Itti Fufe Jira.

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa Bitootessa 17,2014
OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 16/2014 Adeemsi FDG fi warraaqsi qabsoo bilisummaa Oromoo haala jajjabeessaa ta’een Qeerroo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera. Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gotota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, Bitootessaa 15/2017 Qeerroon goototni baratootni oromoo kun gumii guddinaa fi dagaagina seenaa aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Studeum mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti qopheeffachuun waleelee warraqsan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuun
farsan, Walleelee warraqsaa kan dhiyeenyaa kana artistootni Oromoo lama sirban, kan Artist Shukurii ” Miniliik nuf diinaa yaa Teedii maal baacaa” jechuun sirbee fi kan artisti Qamar Yosuuf wallisee” Miniliiki binensa” jechuun wallisee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’uun dhiichisanii sirbuun uummataaf barnoota guddaa dabarsuun, diinota Oromoo fi habashaa miniliikiin dhaadattutti eenyummaa dargaggoota Oromoo fi uummata Oromoo ifatti diinatti soda tokkoo malee agarsiisan. Goototni ilmaan Oromoo kun lafeen lammiiwwaan koo bakka jirtuu iyyitee jechuun habashaan nurratti hin dhiichiiftuu, kanaan boodaa abbaan irree nu hin bulchituu, minilikii nuf diinaa gocha isaa ni beekna, hashaan habadhuma, Oromoon lamuu hin gowwominaa jechuun diina garaa guban, sochii sabboontota Qeerroo dargaggoota Oromoo kanatti wayyaaneen rifachuun humna poolisaa humna ol halkaniin
doorsisaaf mooraa yuunivarsiitiitti ol haa galchu iyyuu malee goototni baratootni Oromoo sodaa tokkoo malee Oromummaa , sabboonummaa fi eenyummaa Oromoo dabaree dabaree walleewwaan kanneen farsuun diinatti mul’isan.
Sochiin kun Bitootessaa 16/2014 jabaachuun itti fufee; guyyaa kana immoo sabboontotni fi Goototni Qeerroo baratootaa Oromoo Ayyaanaa Dhangalaasaa kan hordoftootnif Leelliftootni fi deeggartootni amantaa waaqeffaanna qopheessan irratti uuffata aadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa uffachuun eenyummaa, fi aadaa isaanitti boonuun eenyummaa uummata Oromoo diinatti argisiisan. sagantaa kanaa booda Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa wal qindeessuun magaalaa Jimmaa fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa hunda keessa nanna’uun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi adeemsaa FDG argisiisuu sirbuun uummataa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa keessatti argamuu garaa raasuun barnoota guddaa uummataaf dabarsan.
Haaluma kanaan uummaanni gariin baratootatti makamuun walleen warraqsaa itti fufe. yeroo kanatti walleen warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Uummataan qabsiifamee addatti ABO fi WBO kan faarsuudha. qeerroon ” sirraa hin ollee WBO koo nan ture malee” jedhuu fi Ballammii yaa gurraacha garbuu WBO ABO beektaa qeerransa kutee bira darbuu” jechuun sabboonummaa fi gootummaa qabsoo bilisummaa oromoof qaban ifatti mul’ifatan addattis ABO faarsatan.Adeemsa warraqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun waraana wayyaanee marsee gootota baratoota oromoo eegaa oluuf illee sodaa tokko akka hin qabneef argisiisan.
Mootummaan Wayyaanee haala kana irraa sodaa guddaa keessa
seenuun humna waraanaa qabuu fi poolisoota qabu magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti bobbaasuun eeggicha cimaa taasisaa jira.

Godina Gujii mana barumsaa Shaakkisoo keessatti diddaan mootummaa Wayyaanee irratti jabaatee itti fufe.Wayyaaneenis diddaa dura dhaabbachuuf kaan rasaasaan rukkutaa kaan Jumlaan mana hidhaatti guuraa jirti.

Gabaasa Qeerroo Gujii Bitootessa 19,2014
Qeerroo OromiyaaDhiibbaan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahu jabaachaa kan dhufe tahus diddaan Uummataa fi Ilmaan Oromoo Godina Gujii aanaa Shaakkisoo mana barumsaa Shaakkisoo sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa keessatti jabaatee itti fufe. Mootummaan wayyaanee gaaffii Uummataa fi barattoota Oromoo saaminsi warqee haa dhaabbatu, Ilmaan oromoo qabeenya isaanii irraa fayyadamtoota haa tahan malee miidhamtoota tahuu hin qaban kan jedhu dura dhaabbachuuf wayyaaneen barattootaa fi Uummata rasaasaan tume. Ilmaan Oromo rasaasa mootummaa wayyaaneen rukkutamanis
1. Dargaggoo Bezzaabbish Gurmeessaa
2. Dargaggoo Dastaa Waaree
Barattootni baay’inaan shantamaa ol tahan mana hidhaa mootummaa Wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, kanneen keessaa
1.Barataa Caarii Caanaa
2. Barataa Ahmed Waariyoo
3. Barataa Booruu Duubee
4. Barataa Nageessoo Geedoo
5. Barataa Geetachoo Damissee
6. Barataa Wandimmuu Areerii
7. Barataa Gammachiis Biluu
8. Barataa Jamaal Aagaa
9. Barataa Bayyanaa Jaarsoo
10. Barattuu Falmattuu Galgaloo
11. Barataa Balii Caaccuu
12. Barataa Bunoo Shaggoolaa
13. Barataa Shaambal Galchuu
14. Barataa Kiflee Areerii
15. Barataa Waaree Kottollaa
16. Barataa Badhaadhaa Jamaal
17. Barataa Kiflee Jiisoo
18. Barataa Hoteessaa Sooree
19. Barattuu Caaltuu Birbirsaa
20. Barataa Guyyoo Bakkalchaa
21. Barataa Tamasgeen Addunyaa
22. Barataa Sanyii Dinqaa
23. Barataa Bakkalchaa Oddoo
Keessatti argamu. Mootumman wayyaanee diddaa gaggeeffamaa jiru dura dhaabbachuuf duula hidhaa Jumlaan gaggeessitus diddaa jabaatee itti fufuun mootummaa wayyaanee dhiphina keessa seensisee jira. Mootummaa wayyaanee butute harka wal qabannee dhuma itti haa goonuun dhaamsa qeerroo Godina Gujiiti.

Sunday, March 16, 2014

Mootummaan Wayyaanee Bosona Oromiyaa Mancaasuu Irra Darbee Qabeenya Ummataa Magalaa Harar Manca’uuf Gaafatama Qaba Jechuun Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromaya Gaaffii Kaasan.

Mootummaan Wayyaanee Bosona Oromiyaa Mancaasuu Irra Darbee Qabeenya Ummataa Magalaa Harar Manca’uuf Gaafatama Qaba Jechuun Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromaya Gaaffii Kaasan.

Bitootessa 15,2014 Haroomayaa
Magaalaa Haromayyaa keessatti sababa magaalaa Harar keessatti qabeenyaan uummataa ibiddaan manca’aa hanga har’aatti gubachaa jiruu ilaalchisuun barattootni Yuniversitii Haromayyaa barumsa dhaabanii jiru kana malees  hojjetootni mootummaa gariin hojii irraa walaba of taasisanii jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Gaaffii barattooti kaasan keessatti,ammaan dura baroota bittaa TPLF keessa bosonni Oromiyaa ta’e jedhamee abiddaan gubamaa,bineensi keessaa manca’aa Oromiyaan kennaa uumamaan qabdu akka dhabdu taasisaa turan,bosonoota gubaa turan san yeroo ammaa inveesteroota dhalootaan Tigray ta’aniif baldhinaan hiramee jira. Haalli kun yeroo ammaa ammo gara magaalaatti ce’ee qe’ee daldaltooti Oromoo fi sabooti biro jiran abiddaan mancaasuun itti fufa gochaa hammeenyaa Wayyaaneeti sababaa jedhuun gaaffiin ka’ee jira. Gaaffiin kun Oromiyaa guutuutti akka hin qabanneef jecha dabballootii fi milishoonni Wayyaanee manneen barnootaa fi Yuunivesitiileetti bobba’anii akka jiran gabaasi kun hima.
Gama biraan diddaa barattootaa fi uummataan ka’een wal qabatee xurreen quunamtii fi tajaajilooti kan akka interneetii fi bilbilli naannoo mooraalee Yuuniversitii adda addaa irraa akka citu taasifamee jira.

Saturday, March 15, 2014

Godina addaa Finfinnee Sulultaa Keessatti Hojjettootii fi Barattooti Lammii Oromoo Ta’an Irratti Qormaati Addaa Akka Gaggeefamaa Jiru Gabaafame.Sababa Kanaan Barattooti Lamas Hidhaman.

Godina addaa Finfinnee Sulultaa Keessatti Hojjettootii fi Barattooti Lammii Oromoo Ta’an Irratti Qormaati Addaa Akka Gaggeefamaa Jiru Gabaafame.Sababa Kanaan Barattooti Lamas Hidhaman.

Bitootessa 14,2014 Finfinnee
OromiaALutaContinua2011FDGQeerroo godina addaa naannowaa Finfinnee magaalaa Sulultaa irraa Bitootess 13/2014 gabaasee jiruun kanaan dura sochiilee mirga abbaa biyyummaa fi Oromommaa falmachuun Oromiyaa keessatti baldhinaan deemaa jiranii fi Yuuniversitiilee fi manneen barnootaa garagaraa keessatti FDG qabatee jiru hanga ammaatti wal harkisee itti fufaa kan jiru gabaasaan isaa bakka karaa adda addaatiin dhiyaataa jira. Gama kaaniin diddaaleen Qeerroon ona Sulultaa gaggeessaa ture addattis aanaalee Akaakoo,Gullee fi kkf gabaafamaa ture.
Kanumaan wal qabatee yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee hojjetoota waajirtoota adda addaa irraa hojjetan kanneen lammiin Oromoo ta’an qorannaa cimaa irratti adeemsisaa ture ammas bifa hin beekamneen itti jira. Torbeewwan kana keessaa Bitooteessa gaafa 12 fi 1aanaa Galaanoo Sabooraa; mana barumsaa Galaanoo Sabooraa kutaa 11 fi 12 baratan top-ten(barattoota sadarkaa qaban) kana jechuun barattoota barumsaan dandeettii qaban kan sadarkaa qaban guyyoota lamaan kana irratti dhimma barumsaan kan wal qabate wal gayii isaan waliin adeemsisani turaniiru.
Barattootni lakoofsaa mana barumsaa kana irraa wal gayii kanaaf carraa argatan hanga nama 52 yoo ta’an barattootni dhimma wal gayii sanii ykn ajandaa jalee Wayyaanee kanaa diiguu fi akkasuma carraa argatan kanatti gaaffii gaafatamuu qaban rakkoolee mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo irraan gahaa jiru, saaminsa lafaa,ariyamuu barataa,hoj-dhabdummaa irratti qixa godhachuudhaan gaaffiwwan kanneen kaasuun guyyaa jedhame kana irratti barattoota kanaan gaaffii kanaan wal qabatee diddaa guddaan ka’e, barattoota kana keessaas baratoota hedduu cimoo ta’an nama lama yeroodhaaf qorannee barumsa keessaniitti deebitu jedhuudhaan mana hidhaa magaalichaatti darbamani jiru,
1. Barataa Dhugumaa Ifaa-kutaa 11ffaa
2. Barataa Geetuu Kaffaalee-kutaa 12 ffaa iraa baratan kanneen lamaan gaaffii ABOn amma fudhatee ka’ee jiru gaafachaa jirtu isintu adda dureedha jedhanii qorannoodhaan dhiyeessanii hanga ammaatti mana hidhaa keessatti akka qoratamaa jiran Qeerroon magaalaa godina addaa Finfinnee Sulultaa irraa gabaasee jira.

Monday, March 10, 2014

FDG Qeerroon wal qabatee lixa Shawaa aanaalee adda addaa irraa barattooti Oromoo 24 waraana Wayyaaneen qabaman.

FDG Qeerroon wal qabatee lixa Shawaa aanaalee adda addaa irraa barattooti Oromoo 24 waraana Wayyaaneen qabaman.

Bitootessa 09,214 Miidaaqenyii
OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 9/2014 Godina Lixaa Shawaa keessatti goototni baratootni Oromoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Geedoo fi Midaa Qanyii M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa Yaadannoo gooticha Oromoo barataa Wandimmuu Daammanaa fi FDG itti fufisisaa jiraachuun wal qabatee baratootni Oromoo M/B Midaa Qanyii Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’ina irraa baratootni 24 humna poolisa Wayyaaneen qabamanii dararamuun jiraachuun gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haala kanaan maatii fi uummanni naannoo diddaa bulchiinsa naannoo irratti kaasaniin barattooti kun hatattamaan akka gadhiifaman gaafataa jiru .
Itti aansuun yeroo ammaa kanatti FDG barattootaan ka’e itti fufuu irraan barattoota 24 keessaa 13 mootummaa Wayyaaneen haalaan dararamaa warri jiran keessaa:-
1,Barataa Biraanuu Cimdeessaa barataa kutaa 12ffaa
2 .Alamuu Tayyee barataa kutaa 10ffaa
3. Dammumaa Tasfayee barataa kutaa 10ffaa.
4. Tashoomaa Dhugaasaa barataa kutaa 12ffaa
5. Guddataa Moosisaa barataa kutaa 10ffaa
6. Geetuu Cimdeessaa batarataa kolleejji irra eebbifame hojii dhabee
7. waggarii Fiixaa, barataa kutaa 10ffaa
8. kabbabaa ababaa barataa kutaa 10ffaa
9 .Zrihuum garbee barataa kutaa 10ffaa
10..Ababee Waaqumaa barataa kutaa 10ffaa
11..Obsuu Takkalaa barataa kutaa 10ffaa
12..Fedhasaa dirribaa barataa kutaa 10ffaa
13..Gaja’ee Barasaa barataa kutaa 9ffaa dabalatee baratootni 24 badii tokko malee humna poolisaan qabamanii dararamaa jiraachuun beekame.
Godinuma kana Aanota garaagaraa keessattis uummaanni walga’ii maqaa misoomaa dahoo godhatee olola siyaasa Wayyaanee gaggeeffamu uummanni hin fudhannu jechuun jibbinsa Wayyaaneef qabu argisiisa jiraachuun ibsame jira.

Wednesday, March 5, 2014

Lixa Shawaa Geedoo Irraa Barattootni Oromoo 5n Tikoota Wayyaaneen Ukkaamfaman.

Lixa Shawaa Geedoo Irraa Barattootni Oromoo 5n Tikoota Wayyaaneen Ukkaamfaman.

Bitootessa 05,2014 Geedoo

WandimuGabaasaa Qeerroo Shawaa Lixaa Geedoo irraa;Bitootessa 05,mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu irraa boodatti jechaa akka hin jirre gabaasota yeroodhaa gara yerootti dhiyaataa jiran irraa kan hubatamuudha. Akka gabaasaa Qeerroo ibsutti yaadannoo barataa kanaan dura Wayyaanee dhaan ajjeefame barataa Wandimmuu Daammanaa jedhamu yaadannoo isaaf barattootni mana barumsaa Geeddoo sadarkaa 2ffaa keessatti taasisaniin barattootni 5n tikoota Wayyaaneen qabamanii ukkaanfamanii jiru,kunis yaadannooma barataa due kanaaf godhameen achi keessatti haaloo bahuudhaaf walitti dhuftan,ejjennoo keessan cimsachuudha kan jedhuun mootummaan Wayyaanee barattoota adda duree dha jechuun qabaman maqaan isaanii kanaa gaditti kan ibsame:
1. Darejjee Baqqalaa-barataa kutaa 10ffaa
2. Namarraa Galataa-barataa kutaa 10ffaa
3. Tolasaa Guutaa-barataa kutaa 10ffaa
4. Mokonnin Xuwwii-barataa kutaa 12ffaa
5. Jamaal Abdii-barataa kutaa 12ffaa.
Barattootni kun yakka tokko malee yaadannooma barataa kanaaf godhameen tikoota wayyaaneetiin hara Bitootessa 05 qabamanii ukkaanfamanii jiru jedha Qeerroon magaalaa Geedoo irra.
Gabaasa bara darbee:- http://qeerroo.org/?s=Wandimmuu+Daammanaa+&submit=Searchhttp://qeerroo.org/2014/03/05/lixa-shawaa-geedoo-irraa-barattootni-oromoo-5n-tikoota-wayyaaneen-ukkaamfaman/

Diddaan Qeerroo Godina Addaa Finfinnee Keessaatti Jabaatee Itti Fufe!

Diddaan Qeerroo Godina Addaa Finfinnee Keessaatti Jabaatee Itti Fufe!

Bitootessa 05,2014 Finfinnee
Ammaan dura godina Addaa Finfiinnee A/Sulultaa,Akaakoo,Garba Gurraachaa fi Gullallee Gabir’eel keessatti diddaan sabboontota oromoon jabaatee akkasuma barattootaanis fincilli kan qabate gabaasaa turuun keenya ni yaadatama. Haaluam saniin wal qabatee gabaasaa Qeerroo magaalaa Sulultaa irra addeesaa jiruun Bitootessa 03 aanaa Gulallee Gabri’eel jedhamu keessatti barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa baratan gaaffiin yeroodhaa yerootti qeerroodhaan gaafatamaa jiru keessuma lafti oromoo hin gurguramin? barataan oromoo maalif hojii hin argatuu??? ilmaan oromoo maaliif mana hidhaatti dararamu yakka tokko malee kan jedhuuf dhiyaate ture keessatti deebiin hanga ammaatti kennamuu osoo hin taanee itti gochi kun mootummaa wayyaaneedhaan jabaachaa dhhufeera,hanga gaaffiin kun deebii argatutti nutis ta’e barataan oromoo kamuu barumsa dhaabuu qaba kan jedhu qabatanii diddaa kaasaanii jiru,Akkasuma magaalaa Akaakoo irratti manni barumsaa 1 hanga 8ffaatti barattootni osoo barsiisonni dhimma isaa adda hin baasin sochii sabboontota oromootiin gaggeeffameen mooraadhaa bahanii barumsa dhaabanii gara qe’eetti galanii jiru guyyaa lamaaf Bitootessa 02 irraa kaasanii,deebii dhaabuu gaaffii mirgaa hanga yoonatti gaafatamaa jiru sababeessuudhaan barattootni barumsa dhaabanii akka jiran akkasuma ammoo mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaanis sirna wayyaaneetiin hanga yoomitti gaggeeffamna kan jedhuun barumsa dhaabanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira mana barumsaa kanattis qorannoo bal’aan gaggeeffamaa jira hedhu,sochiin Qeerroo diddaaf haalota mijeessuu dabalatee daran jabaatee itti fufa…
http://qeerroo.org/2014/03/05/diddaan-qeerroo-godina-addaa-finfinnee-keessaatti-jabaatee-itti-fufe/

Monday, March 3, 2014

Hojjetootni Mootummaa Magaalaa Hararii fi Yuuniversitii Haromayyaa Irraa Hojii Gadhiisaa Jiraachuun Beekame.

Hojjetootni Mootummaa Magaalaa Hararii fi Yuuniversitii Haromayyaa Irraa Hojii Gadhiisaa Jiraachuun Beekame.

Bitootessa 2,2013 Haromaya
DIDDAAHara Bitootessa1,2014 gabaasaan Qeerroo Yuuniversitii Haromayyaa irraa ibsutti ammaan dura hojjetootni mootummaa 1000 ol taan dhimma eda’iinsa miindaan wal qabatee waggaa tokkoon dura godina Harargee Haromayaa keessaa diddaa kaasaniin hojii irraa ariyatamuun ni yaadatama, ammas bifuma wal fakkaatuun hojjetoonti walii galaan kan mooraa yuuniversitii Haromayyaa(barsiisota) fi hojjetoota waajjiraalee garagaraa keessaa dalagan guutummaa magaalaa Hararar keessatti argaman gaaffiiwwan wal fakkaatoo inni duraa hojjetootni armaan dura hojii irraa ariyamanii jiran hojiitti haa deebian; jireenyi hedduu nutty qaalaeera kanaaf miindaan nuuf haa dabalamau jedhu qabatanii jiru,gaaffiin kunis hanga ammaatti deebii kan hin arganne gaaffiin kun mootummichaattti kan dhiyaate jioota tokko ol yoo tahu hojjetootni akka walii galaatti magaalaa Hararii fi mooraa yuuniversitii Haromayyaa keessatti argaman hunduu hojii dhaabanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira barattootni barsiisonni hojii dhaabaa waan jiraniif barumsa argachuun dhabaa jiru isa kanaaf diddaan gara magaalaa kanaatti jabaatee akka jiru gabaasaan Qeerroo addeessaa jira. Itti Fufa!
http://qeerroo.org/2014/03/03/hojjetootni-mootummaa-magaalaa-hararii-fi-yuuniversitii-haromayyaa-irraa-hojii-gadhiisaa-jiraachuun-beekame/

Wayyaaneen Uummata Oromoo maqaan ABOn hiraarsuu irra darbee keessa Caasaa isaa goolaa jira.

Wayyaaneen Uummata Oromoo maqaan ABOn hiraarsuu irra darbee keessa Caasaa isaa goolaa jira.

Bitootessa 1,2014 Finfinnee
Yeroo ammaa mootummaan wayyaanee gara itti goru dhabeetu jira gama hunda diddaan kautti waraana isaas ramadee diddaawwan qabatan dhaamsuuf yaalullee hin dandeenye,gara caasaa isaa shakkuutti geessee jira,namoota dur shakkaman hunda walitti qabuudhaan qorannaa irratti gaggeessaa,isaan kaan ammo bakka buuteen isaanii dhabamaatu jira,hojjetotas tae barattoota. Gabaasaa Qeerroo Shawaa Kibba Lixaa magaalaa Wallisoo irraa Bitootessa gaafa 01/2014 addeessuun magaalaa kana keessa kan jiraatan nama lama bakka buuteen isaanii dhabamee jira,akka gabaasaa Qeerrootti maqaa ABOtiin kan yakkamaniidha namootni lamaan kuni jireenyaa magaalama Wallisooti. Kanneen kunis
1. Tafarii Mokonnin-yuuniversitii Finfinnee irraa kan eebbifame garuu hojii dhabee kan jiru;
2. Girmaa Dhugaasaa-yuuniversitii Amboo irraa kan eebbifame yoo tahu namootni kun lamaan siyaasa ABOtiin tikoota wayyaaneen qabamanii ukkaamfamanii jiru,kunis olitti akkuma caqasne gaafa Bitootessa 01/2014 ti. Maatiidhaan akkasuma hiriyoottaniin hanga ammaatti hordofamanii kan dhabaman tahuu isaanii gabaafamee jira. Mootummaan Wayyaanee ammallee saba oromoo keessaa kan sabboonummaa qaban adamsaa jirti,abjuun hiika argachuuf dhiyaateera,diinni ilmaan oromoo hojii hojjetetti yeellauun isaa kan hin oolleedha,ammas jabaatee shira gurguddaa ilmaan oromoo irratti raawwachaa jiraatus kufaatiin isaa kan itti dhiyaate sochii yeroo ammaa gaggeeffamaa jiru,wal nyaatinsii fi walitti buiinsi caasaa isaanii gudduutti taaa jiru kuni mallattoo kufaatii wayyaanee tahuun isaa ibsa, diddaan yeroo ammaa wal qabatee kaaa jiru uummata oromoo fi barattoota oromoo jabeessaa fi onnachiisaa jira,ammallee qabsoonii fi diddaan itti fufa hin dhaabbatu!!!
http://qeerroo.org/2014/03/03/wayyaaneen-uummata-oromoo-maqaan-abon-hiraarsuu-irra-darbee-keessa-caasaa-isaa-goolaa-jira/