Wednesday, April 30, 2014

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Ballaammii Sadarkaa 2ffaa Eegale

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo Ballammii
OromiaALutaContinua2011FDGEbla 30/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota barattoota Ooromoo M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi uummata Ooromoo Magaalaa Ballaammiitiin har’a sa:aa 8:00 wd irraa eegaluun amma gaggeeffamaa jira, hirirri nagaa kun gaaffii barattootni kenyaa dhaabbilee barnoota olaanoo kanneen akka yuunibarsiitii Jimmaa, Harammaayyaa, Amboo, Adaamaa, Wallaaggaa, Mattuu fi Bulee Horaa kaasaa jiran guttummaan isaa Ggaaffii keenya jechuun sabboontotni Bbarattootni mana barumsaa Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa uummaata Mmagaalaa Baallaammii waliin ta’uun hiriira guddaa gaggeessuu irraatti argamu. Akkuma dhaabbilee barnoota olaanoo Gaaffii isaanii iyyaannoodhaan karaa seeraa qabeessaa ta’een Bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Bulchiinsa M/B Baallaammiitti galchachuun hiriiraa mormii guddaa kan uummata 4000 ol hirmaachisee gaggeessuu irraatti argamu, 
 Yeroo amma kanatti akkuma baratame mootuummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa liyuu hayil fi kora bittinneessa jedhamu hiriiricha dura dhaabuun, Gaazii summa’aa kan nama boosisuu irraatti dhukaasuun bittinneessuuf yaalii guddaa godhus uummaannii fii barattootni nuti mirga keenyatu sarbamee mirga keenyaaf falmannaa jechuun FDG haalaan qinda’aa fi jabaa ta’ee itti fufee jira. Bbarattootni Mana Barumsaa Gabaa Kamisaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 -8ffaa barachaa jiran mana barumsaa gadhiisuun yeroo kanatti hiriirichatti makamaa jiru, Dargaggootni Oromoo mAgaalaa Ballaammii fi Barattootni Ooromoo Magaalaa keessaa nannaa’uun dhaadannoo isaanii dhageesisuun itti fufe. gabaasaan kun itti fufa.

Tuesday, April 29, 2014

Gaaffiin Bilisummaa jabaatee itti fufuun Godina Horroo Gudur uu aanaa Jaardagaa J aartee mana Barumsaa Aliiboo sadarkaa 2f faa fi Qophaainaa k eessatti finiine

Ebla 29,2014 Gabaasa Qeerroo Shaambuu
VIVA QeerrooDiddaan Mootummaa wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi Qophaainaa Aliiboo keessatti finiinee itti fufe. Barattootni sadarkaa lammaffaa, sadarkaa 1ffaa fi Qophaainaa mana Barumsaa Aliiboo keessaa baratan Gaaffiin Uummata Oromoo kan Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa deebiuu qaba, Kan Uummata Oromoo same haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaati, Kanneen hidhaman haa hiikaman jechuudhaan kan itti fufan yoommuu tahu Mootummaan wayyaanee garuu barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan Gaaffiin keessan Gaaffii ABOti jechuun waraanaa fi Poolisa itti bobbaasuun reebicha irraan geessisaa jira. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessus gaaffii mirgaa irraa akka hin dhaabbanne kan mirkansan Qeerroon magaala Aliiboo barattootni mana Barumsaa Amuruu, Saqalaa, Haratoo, Shaambuu fi Fincaaaa waamicha Oromummaa keenya akka nuu dhageessan jechuun kan dhaammatan yoo tahu Uummatni Oromoo bakka maraa kaee qabsoo eegalamee fi wareegama kaffalame Bilisummaan akka mirkansu waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.

Monday, April 28, 2014

FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabate Itti Fufuun Har’as Yuuniversitii Wallagga Keessatti Haalaan Jabaate. Barattooti Oromoos Waraana Wayyaanee Agaazii Jedhamun Reebaman

geeFDG1FDG@
Gabaasaa: Ebla 27/2012 FDG Gootota dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa jabaatee itti fufuun guyyaa har’aa Ebla 27,2014 falmaa jabaa keessa oolan.Goototni barattootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebiin nuu kennamuu qaba jechuun guyyaa lammaffaa ganama irraa eegaluun dhaadannoo dhageesisa turanii jiru.
Mootummaan abbaa irree akkuma amala isaa gaaffii barattoota karaa nagaa fi demookiraasii dhiyaateef deebii humna waraanaa fi loltuu of harkaa qabuu fi qawweetti dhimma bahuun barattoota Oromoo dararuu irratti argama. barattootni hedduunis humna waraanaa kanaan qabamanii hidhamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru, barattootni Oromoo hedduun humna polisii federaalaatiin rebbichaa cima irra ga’ee yeroo amma hospitala Naqamatee galanii jiraachuun ibsamera. barattoota humnota federaala wayyaaneen midhaan qaama isanii irra ga;ee kunis;
1. Barataa Dawuti Gonfaa
2.Barataa Abdiisaa Nagaasaa
3.Barattuu Geexee Tafarii,
4.Barataa Ababa Kumarraa
5.Barataa Tashoomee Daawuti
6. Barataa Dasitaa kanneen jedhaman kan keessatti argamaan humna poolisii Federaalaa Wayyaaneen reebamani midhaan qaama kan irra ga’ee ta’uun ibsamera.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaaggaa akkuma  gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, hidhaan, reebichii, doorsifnii, barnoota irraa arii’atamuun duubatti nu hin deebisu jechuun guyyaa har’aas FDG itti fufanii olaniiru.Maqaa barattoota hidhamanii guutuu fuula duratti dhiheessina.
Gama biraan waraanni Wayyaanee kan Agaazii jedhamee beekamu magaalaa Naqamtee qubachuun uumata goolaa jira. Addatti Yuuniversitii Wallaggaa keessa namoota barattoota basaasan dabballoota OPDO kanneen akka
1.Tafarii Xiyyaaroo bulchaa Godina Wallaggaa Bahaa
2. Tolasaa waggaarii Bulchiinsa magaalaa Neqemtee irraa
3. Eebbaa nama jedhamu itti aanaa President Yuunibarsiitii Wallaggaa kanneen jedhamanii qabachuun barattoota itti roorrisaa jiraachuun beekame.
Muktaar Kadir haala kana dhaamsuuf jecha naannoolee FDG ka’an mara irra naannawuun milishootaan qabatee uumataa fi barattoota akka sodaachisaa jirus odeessi jiru ni addeess

Barattooni Mana Barumsaa Qophaayina Namaqamtee Har’a Ebla 28,2014 Gaaffii Mirgaa Qabachuudhaan Dhaadannoo Isaanii Dhageessisaa Jiru

Gabaasa Qeerroo Ebla 28,2014 Naqamte

diddaa-4Madda Gabaasaa Qeerroo Naqamtee har’a Ebla 28 ganama irraa kaasanii barattootni oromoo mana barumsaa qophaayina Naqamtee dhaadannoo dhageessisuudhaan hiriira osoo poolisoonni wayyanee dura dhaabatanii bahanii akka jiran gabaasi addeessa.Kaayyoon barattoota kanaas akkuma barattoota yuuniversitiilee irraan wal qabatee kan master pilaanii naannowaa finfinnee federaaala jala galchuu fi kan biroos ilaalchisee mormii isaanii dhageessisaa jiru.Dhaadannoo isaanii:-
  1. -oromiyaan kan keenyaa
  2. -oromiyaan haa bilisomtuu
  3. -master-plan magalaa finfinnee haa kahu
  4. -sidaan minilik finfinnee keessaa haa kahu
  5. -siidaan Eebisaa Addunyaa nuuf haa dhabbatu
  6. -afaan oromoo afaan federal haa tahu
  7. -cunqursaan ummataa oromoo irraa haa kahu
  8. -nutii oromoon magaalaa keenyaa hin lakisnuu jechuun dhadhannoo isaani ummatatti himaacha utuu jiraani poolisonni naannoo sana baratota reebu fi mana hidhatti dhaqa jiruu magalaan Naqaamtee abjuu baratoota argaa jira magaalaa Naqaamtee halaa ho’adhan poolisonni ummataa (baratoota) reeba akka jiranis gabaasni Qeerroo magaala Naqamtee addeessee jira.Itti Fufa! Injifannoon U/Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Sunday, April 27, 2014

FDG Yuuniversitii Wallaggaa Daran Jabaachuu Irraan Loltoonni Wayyaanee Dhaabsisuu Hin Dandeenye.


wallaggaa
Ebla 26/2014 Goototni Dargaggootni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa FDG dhoosan. Har’a ganama sa’aa 1:00 irraa eegaluun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa gaaffii mirga hiree murteeffannaa oromoo fi roorroo haala yeroon walqabatee uummata keenya irratti gaggeeffama jiru balaaleffachuun FDG Yeroo ammaa Oromiyaa guutuu irraatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun FDG itti fufan .
Warraaqsi kun uummata Oromoo Magaalaa Naqemtee kan dabalatee yoo ta’uu gaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo fi gaaffii haala yeroo uummata Oromoo dhimmota magaalaawwaan Oromiyaa fi magaalawwaan nannawaa Finfinnee jiran Mootummaan abbaa irree federaalaa fi Finfinnee jala galchuuf jiru hin fudhannuu, akeekni kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun hiriira nagaa guddaa kan namoota 10,000 ol hirmaachisee Magaalaa Neqemtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti gaggeessa jiru.
Gootoni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaggaa Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati gaaffii kabajamuu uummata Oromooti, gaaffii dimookiraasiiti, jechuun sagalee isaanii dhageesisuun, eenyuumma Oromummaa isaanii kabachiifachuuf dhaabbatan.
Dhadannoowwaan: Oromiyaan kan Oromooti, maqaa invetimentiin lafa Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba, Finfinneen kan Oromooti, magaalaawwaan Oromiyaa of jala galchuuf adeemsa abbaa irree ni balaaleffanna, mootummaan garbomsaa kufuu qaba, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu, barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, doorsisuun, ajjeessuun nurraa dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi kkf dhadannoo ganama kana Gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaan dhageesifama jirudha, Mootummaan abbaa irree humna waraanaa fi poolisa federaalaa humna guddaa bobbaasee sochii FDG kana dura haadhabbatu iyyuu malee dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Naqemtee
Ebla 26/2014
.

Thursday, April 24, 2014

Gootonni Barattooti Oromoo Jimmaa Gamtaan Wal Qindeessanii Diddaa Gaggeessaniin Waajjira Poolisaa Jimmaa Deemuun Barattoota 8 Hidhaa Irraa Baafatan!


Ebla 23,2014 Jimma

QerroooBarattootni Oromoo guyyaa har’aa Ebla 23,2014 barnootaa fi nyaata dhaabuun FDG itti fufan,gamtaadhaan baay’atani baratoota kaleessa fi dheengadda to’ataman waajjira poolisii magaalaa Jimma deemuun dhiphisan, magaalaan illee baay’ee muddamte, waraanni wayyanee fi poolisotni waan qabanii gadhiisan dhaban isanumatti iyyuu gaaffii guddaa itti ta’ee jiraachuu nammoonni tokko tokko dubbachaa jiru. guyyaadhuma har’aa waaree booda waan godhan dhabnaan Barattoota keenya hidhamani turan Gara mooraatti deebisuun koree namuusaa irratti dhiyeessuun naamusa yuunibarsiitii cabsitanii argamtan jechuun himatan. erga biiroo Dean barattootti galchanii poolisotaa reebdan, jeequmsa kakkastan, naamusa cabsitan jedhani booda guyyaa beellama kibxata dhufutti qabaniifi gadi gadhiisaniru. walumaa galatti baratttootni keenya amma gadhiifaman kun;
  1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
  2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
  3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
  4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
  5. Barataa Israaeel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
  6. Huseen , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffa
  7. Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  8. Barataa Mooiiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa
Barattootni kun haala kanaan gadhiifamanii guyyaa beellama dicipline Yuunibarsiitii kibxataa kana eeggachaa jiru
.

Wednesday, April 23, 2014

Ammas Daddabalee Bulchiinsi Yuuniversitii Jimmaa Barattoota Oromoo 6 ta’an Dabarsee Poolisoota Wayyaaneef Kenne


Ebla 23,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
24 02 14 10 40
Milishoota Wayyaanee Jimma
Ebla 22/2014 Bulchiinsi Yuunibarsiitiin Jimmaa gochaa fashistummaa fi diinummaa barattoota Oromoo irratti rawwachaa akka jiru Qeerroon mooricha irraa gabaasa. Bulchiinsi Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Beeksisa Ebla 22/2014 waaree boodaatti biiroo Dean Barattootatti barbaadamtu jechuun baase irratti barattoota Oromoo 6 gara waajjirichaatti waamaman, Barattootni akkuma dhaqanitti  biirootti olgalchuun hanga galgala keessa sa’aa 12:30tti doorsisaa turuun dhumarratti poolisa federalaan qabamani wajjira poolisaa magaalaa Jimmaa ganda 05 Awweetuu mandaraatti geessuun hidhani jiru. Barattootni Oromoo balleessa tokko utuu hin qabaatiin seeraa discipline committeetu isin waame jechuun ilmaan Oromoo nagaa ukkamsuun hidhatti galchuun har’a yakka hin jirree uummata keenyaa fi beektota barattoota keenya irratti dalagama jira. Barattootni amma haala kanaan kaleessa galgala qabaman.
1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
5. Barataa Israa’eel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
6. Huseen  , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffaa barachaa warreen jiran maqaa seeraa ala gaaffii gaafatan, fi ajaja poolisii mooraa Yuuniversiitii Jimma humna tikaa wayyaanee ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti baate kan jiru Kalid Abbaa Tamaam reebdan jechuun sobaan yakkamanii kan hidhaman ta’uun beekame jira.
Gochaan yeroo yeroo’n barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa irratti ergamtee bultootni wayyaanee gaggeessa jiran kun daran barattoota Oromoo qabsoof onnachiisuun gabaafamera. kanumaan walqabatee adeemsii baruu fi barsiisuus mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhaabbatee jira/addan citee jira
.

Tuesday, April 22, 2014

Gaaffii Mirgaa Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Gaafataniif Deebiin Mootummaa EPREF Irraa Kenname Hidhaa fi Reebicha Ta’e.


Ebla 21,2014 Gabaasa  Qeerroo Jimmaa

BilisummaaGaaffii Mirgaaf Deebii Hidhaa fi Ajjeechaa Keennuun aadaa Mootota Itiyophiyaati
  1.  Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  2. Barataa Moo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa ”           ”
  3. Barataa Leejjisaa Alamayyoo muummee  water and environmental resource engineering waggaa 3ffaa  mooraa Saayinsii fi Technology kittoo irraa
  4. Barataa  keenediin Mummee Civili Engineering waggaa 3ffaa         ”                        ”
  5. Barataa Darragaa Abdiisaa , mummee civil Engineering waggaa 3ffaa    ”’             ”’
  6. Barataa  Dhabasaa Jaatamaa, mummee veterinary medicine waggaa 6ffaa mooraa Agriculture irraa.
Kanneen jedhanii fi barattooti lakkoofsaa 12 ta’an kaan humnaan diqisifamanii qabamuun Wajjiira Poolisii Magaalaa Jimma ganda o5 (Awweetuu Mandaraatti) hidhaman keessatti argamu.
Ebla 19–21/2014tti Waraannii fi Poolisiin Federaalaa Wayyaanees barattoota Oromoo karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan humnaan mooraa yuunibarsiitii Seenuun gooluu fi konkolaataan ukkamsee hidhatti guuruu irratti argama, barattootni heddunis humna kanaan reebamanii akka malee midhamuun hospitalaa galuun gabaafamera, Barattoota hedduu humnaan ukkanfamanii qabamanii hidhaman keessa muraasa maqaan nu qaqqabee jiru:
Goototni Qeerroon dargaggoonni barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirgaa karaa nagaan Gaafataniif Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraanaa fi humna poolisa Federaalaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa arfan(kolleejjii Saayinsii fi Technology , Kolleejjii Qonnaa, Kolleejjii Economics and Business fi Mooraa main Campass Jimmaa)  galchuun barattoota karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafatan goolaa jira, Diddaan barattoota Oromoo Yuunibarsiitii  Jimmaa humna Waraanaa fi Poolisoota Federaalaan dhaabbachuu hin dandeenye, guyyaa kaleessaa illee baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Gaaffii keenyaaf deebiin nuf haa kennamu, hidhaa reebichi, barnoota irraa arii’amuun, humna waraanaa fi poolisa federaalaan dararaan nurraa dhaabbachuu qaba akeekni kun gaaffii uummataa dhaabuu hin danda’u jechuun sagalee isanii dhageesisuun itti fufee jira.
Gaaffiin keenya deebii argachuu qaba, barattootni nagaan seeraan ala qabaman kun hatattamaan hiikamuu qabu jechuun Goototni barattootni oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa diddaa isaanii itti fufani jiru
.

Sunday, April 20, 2014

Yuuniversitiin Jimmaa Mooraa Waraana Wayyaanee Fakkaata. Diddaan Barattoota Oromoo Ebla 19,2014 Itti Fufeen Barattooti Gaga’amaa Jiru.


OromiaALutaContinua2011FDG
Ebla 19/2014 FDG Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa torbee tokko oliif gaggeessa jiiran daran jabaatee itti fufe.
Warraaqsii Fincila Diddaa Garbummaa (WFDG) guyyaa har’aa haalaan jabatee Mooraawwan Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cumpas, Mooraa Agriculture fi mooraa saayinsii fi teekinooloojii keessaatti fincillii guddaan itti fufee oleera. Sagaleen mormii guddaan dhageesifamera, Waranaa poolisii federaalaa Wayyaanee Waliinis w alitti bu’insii guddaan Uummamee Mooraa Agriculture fi mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii irraa Baratootni hedduun humna Waraanaa mooraa 44 (arba arattanya kifile xoorii) kan dhihaa Oromiyaaf ramadamee ta’uu humnaan Mooraa Yuunibarsiitii cabsanii galuun baratootaa konkolaataan Ukkamsaa jiru. Yuunibarsiitiin Jimmaa fi magaalaan Jimmaa dirree Waraanaa fakkaatee jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Ammaan dura gaaffiin barattoota Oromoo Jimmaa bulchinsi Finfinnee mootummaa nannoo Oromiyaa jala galuu qaba, Magaalawaan Oromiyaa naannaawaa Finfinnee , bulchiinsa Finfinnee jala galuu hin qaban, kaayyoo mootummaan Oromiyaa gargar qoodee lafa uummata Oromoo gurguracha jiru hatattamaan dhaabbachuu qaba, kan jedhuu fi Oromummaa keenyaan manni maxxansaa ‘hinquu’ jedhamu nu arrabsuun maxxansii maqaa balleessii kun seeratti dhiyaachuu qabu, namoonni Oromummaan nu arrabsan seeratti dhiyaachuu qabu jechuun iyyannoo dhiyeeffatan, gaaffii deebii keenyaa hanga nuf hin deebinett
i

Saturday, April 19, 2014

Gaaffii Mirgaa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Barattoota Oromoo 10 Hidhamanii Turan Gamtaan Gootota Oromoo Tokkummaan Ka’anii Diddaa Taasisaniin Hidhaa Irraa Baafatan.


Tokkummaan Jiraatnaan Injifatnoon Jira!!  Hojii Boonsaa Gamtaa Barattoota Oromoo Yuuniversitiin Jimmaa !!
QerroooEbla 17/2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa gaaffii mirga kabajamuu mirga saba Oromoo fi falmii mirga abbaa biyyummaa Oromoo kanneen akka gaaffii Magaalawaan Oromiyaa gurguddoo fi nannaawaa Finfinnee Adeemsii Finfinnee fi Federaalaa jala galchuun to’achuuf Mootummaan EPRDF shira uummata keenya irratti hojjechaa jiru uummata keenya irraa dhaabbachuu qaba, mirgii uummata keenyaa sarbamaa jiru kabajamuu qaba jechuun gaaffii mirgaa iyyaannoo isanii irratti dhiyeeffachuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmaatti dhiyeeffachuun Ebla 11/2014 hanga Ebla 12/2014tti bara FDG kaasuun ni yaadatama.
Gaaffii mirgaa barattooti kaasaniin wal qabatee guyyaa mormiin bahame sanitti sagalee  keessan kaaftanii dhadannoo dhageessiftaniittu,mootummaa irratti hiriira qindeessitaniittu sababoota waraanni mootummaa Wayyaanee fi poolisii mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti argamuun barattootni Oromoo nagaan kudhan (10) kudhan qabanii hidhuun buufata Poolisa Yuuniversitii Jimmaa keessatti hidhan.Godhchaan Wayyaanotaa kun sirrii akka hin taanee fi daba Oromoo irratti raawwachuu ta’uu kana aarse gootonni barattooti Oromoo Yuniversitii Jimmaa tokkummaa isaanii cimsuun gamtaan harka walqabachuun Waajjiraa poolisii Yuunibarsiitii Jimmaa keessa jiru marsuun barattootni keenyaa gaaffii keenya gaafatan malee yakka tokko illee hin qaban gadhiifamuu qabu, gaaffiin gaaffii waliigalaa hunda keenyaati amma hatattamaan baratootni keenya gadhiifamuu qabu jechuun sagalee mormii guddaa dhageesisuun baratoota Oromoo tohannaa loltoota Wayyaanee jala galan harka eegdotaa irraa gadi lakkisiisuun fudhatanii deebi’uun dhaadannoon tokkummaa fi eenyummaa isaanii diinatti argisiisuun eenyummaa isaanii
kabachiifatan.
Baratootni Oromoo poolisotaan dararaman kunis:-
1.Barataa Galaanaa Abbabaa, mummee Governance and Developmental
studies, waggaa 3ffaa,
2.Barataa Abdii Turaa, mummee seeraa waggaa 5ffaa
3.Barataa Zabbanaa Tamasgeen, muummee afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa
4.Barataa Mo’iiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa
5.Barataa Israa’eel Haptamuu
6.Barataa Ibsa(Girma) Nagaasaa, Mummee Governance and developmental
studies waggaa 2ffaa
7.Barataa Darajjee , Mummee Chemistry waggaa 3ffaa,
8.Barataa Falmataa Bayechaa, Mummee Medicine waggaa 4ffaa
9.Barataa Gadaa Hubataa, Mummee Economics and Business waggaa 3ffaa
10 Barataa Bariisoo ,Mummee Afaan Oromoo Folklore waggaa 3ffaa
Yeroo tahan kanneen kaan bakka isaan mooraa Yuuniversitii keessa hin jirretti bilbilaan warri doorsifaman barattooti lama haala kanaan rakkoo keessa jiraachuu beekame. Kanneen kunis
1.Barataa Sanyii Iddoosaa , Mummee medicine waggaa 5ffaa bakka inni internship dhaaf ba’ee jiruutti bilbila irratti bilbiluun kan doorsifama jirudha.
2.Barataa Guutasaa Jaalataa , Muummee Medicine waggaa 5ffaa akkasuma bakka inni interniship dhaaf ba’ee jiruutti bilbiluudhaan kanneen dorsifamaa jiran kessa tokko ta’uun beekamadha. Hallii tarkaanfiin abbaa irruummaa dabbaloota wayyanee gootota baratoota Oromoo irratti rawwachaa jiran daran kan fincila diddaa garbummaa qabsiisa jiru ta’uu hubatamee jira, kanuma irraa ka’uun baratootni Oromoo nuti gaaffii karaa nagaa dhiyeeffanneef baratootni keenyaa hidhamuu doorsifamuu hin
qaban warren barattoota keenyaa doorsisa jiran seeraatti nuf dhiyaachuu qabu jechuun gaaffii isanii jabeessuu irratti argamu. Kana malees Yuunibarsiitii Jimmaatti gamtaan tokkummaan baratoota Oromoo haalaan jabaachuun seenaa qabsoo Oromoo keessatti bakka olaanaa qabachaa kan jiru ta’uun hubatame jira. Haalli kun mootummaa abbaa irreetti yaaddoo fi dhiphina guddaa yoo ta’u, uummata Oromoo fi sabboontota Oromoof abdii guddaa ta’uun beekame jira
.

Friday, April 18, 2014

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan Itti Fufuun Xalayaa Iyyatnoo Tamsaasan.


ERGA CALLISUUN KEENYA NU TOLLEE

HAA FALMANNU NU WALII GALLEE!!

DiddaaJaallannee ,filannee miti!,callisanii buqqee tauu mannaa dubbatanii bubbee tauu wayya jedha Oromoon kaleessaa.Duula waliif waliin kaana jedhamu kan roorroon hiriyaa hin qabne shin mootummaa gabroomfataa habeshaa Oromoo irraatti gochaa ture, haa caaluu immoo yeroo amma kanatti gabrummaa gita hin qabne duula duguuggaa sanyii haalaa fi kallattii hin qabne tae jedhamee itti yaaddamee deemamaa jiru Oromoos taee diinni warreen alagaa karaa karaa isaatiin ifatti beeku.Haa tau malee beekuun Oromoof yeroo ammaa kanatti hiikaa hin qabu.shiraa fi danqaa diinni hirriba lagatee halkanii guyyaatti afarftu kanatti dammaqee humnaan diinaa cabsuu dandau hidhatee of qopheessutu irraa eegama. Kana gochuun Oromoof waan akka mirgatti dhiyaatu miti ,dirqama irratti dirqamni eenyummaa dabalamuu qaba. Tole kaa mee waanuma taii kaleessaa fi hara tae, boruu fi iftaan immoo tauu dandaan akka armaan gadii kanatti wal haa ilaalluu.
Yeroo ammaa kanatti duulli boca qabne ilmaan ilaalcha dulloomaa fi ilmaan abjuun isaanii yoomuu shiraa qofaa kan tae haftee Miniliik fi mana barumsaa ekeraa Miniliik irraa warren eebbifamaniin barreeffamoonni Oromoo akka sabaatti xiqqeessuu fi arrabsoo Oromoo tuqu akkasumas Abbaa biyyummaa Oromoo waakkatu Afaan Amhaaran kan barreeffame mataa dureen isaa INQUU FI QUMNEGER jedhaman isaan hangafaa fi ifatti maqaa balleessii Oromoof mana maxxaansaa dhaabbate tauun bira gahameera.
Guutummaan Iyyatnoo kanaa dubbisuuf:- Qeerroo ASTU.doc
x

Wednesday, April 16, 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Wallaggaa Magalaa Laqamtee Keessatti Guyyaa Gootota Oromoo Kabajuun Ibsa Tuqaa 6 of Keessaa Qabu Dabarfatan.

Ebla 15,2014 Naqamte
Nuti barattoonni godina Wallaggaa irraa dhufnee magaalaa Naqamteetti barachaa jirru gaafa 15/4/2014 yaadannoo guyyaa gootota keenyaa sirna ho’aafi mariidhaan kabajanneerra jalqaba irratti eebbaan jalqabne itti aansuun yaadannoo sammuu gootota keenyaaf goone marii bal’aa erga godhannee booda fuulduratti wantoota armaan gadii irratti hojjachuuf walii galle!
1 . Kaayyoo bilisummaa Oromoo bakkaan gahuuf jecha wareega barbaachisu kafalee ni qabsoofna. Kanuma waliin sochii barattootaa danquuf jecha basaastota uummata keessa faca’anii jiran hordofnee saaxpuu irraan lubbuu hedduu baraaruu
2.Yyeroo ammaa magaalota Oromiyaa keessatti afaan Oromoof namooti hedduun ilaalcha gaarii hin qaban kana sirreessuuf ni qabsoofna
3.  gara fuulduraattis dhimma garaa garaatiif yoo gargar facaaneyyuu qabsoo keenya caalaatti ni cimsina.
4. Dhaabi keenya dhugaan ABO waan ta’eef sochii WBO gama hundaan ni deggarra.
5.Qabsoo keenya gara fuulduraatti shamarran akka hirmaatan ni goona ayyaana kanarratti shamarranis kan hirmaatan yeroo ta’u. Dhaadannon kaayyoo goototi keenya wareegamaniif bakkaan ni geenya jedhuun kabajanne!

Sunday, April 13, 2014

Tokkummaan Jiraannaan Gabrummaan Ni Buqqa’a Dhaamsa Maadhee Iftuu Barii-Sulultaa Irraa

Dhaamsaa fi Ejjennoo maadhee Iftuu Barii; Sulultaa Ebla 12,2014
OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan wayyaanee ilaalchi inni uummata oromoo irraa qabu yoomiyyuu akka hacuucametti hacuuccaa jalaa hin bahu itti fakkaatee, gabrummaa bara dheeraa waanjoo baachuu irra darbee dhiigni ilmaan oromoo itti dhanga’aa jiru kana itti qaana’uu osoo hin taanee gammachuu guddaa keessa seenee jira. Egaa saba oromoo gidduudhaan kan dhibe tokkummaadha, lafee tokkummaa kan nyaate isa durii oromoon yaada tokkoon bulaa ture, amantii tokkoon bulaa ture,har’a amantii habashaa hordofuudhaan,afaan wal dhaga’uu didee inni kaan isa oromoo hin fakkaanne duukkaa hiriiree aadaa isaa dagachuunillee diinaaf qaawaa hurufa tahee ilmaan oromoo asii fi achi gingilchuudhaan hanga har’aa bara bittaa isaa dheeraffatee jira. Nu gaha Gabrummaan ni buqqa’a kan jedhutti amanna nuti maadheen Iftuu Barii,mee akka dhaamsaatti saba oromoo keessaa fi ala jirtaniif dhaammannu kan qabnu:-
Ø Nuti ilmaan oromoo biyya keessa jirru saba oromoo biyya alaa jiru irratti abdii keenya yoo ganne dogoggora guddaadha, qaamni kamuu biyya alaatii dhufee miti kan nu bilisoomsu dogoggora yeroo dheeraa keessaa baanee waan qabnuun baayina saba keenyaatti dhimma baanee, dargaggoota biyya keessa jirruun tokkommuudhaan kaanee diina nurratti hiriiree jiru kana of irraa haa fonqolchinu, wayyaanee dura dhaabbachuuf nuti akka maadhetti adda duree taanee kaaneerra.
Ø Beekaa utuu qabnuu, kan nu hoogganu ABO osoo qabnuu, dirree qabsoo irraa WBO utuu of duraa qabnu har’a uummani bal’aan uummanni oromoo jireenya yoomuu caalaa gadadoo fi haala yaaddeessaa keessa jira, mootummaan wayyaanee saboota biroo irratti kaasee sabni oromoo waan of irraa loluyyuu wallaalee jira. Gama biraatiin qabeenyaadhaan saamamaa,siyaasa ABO babal’ista jedhuun uummata mana hidhaatti guuraa,rakkinoota kana hunda baatee saba bicuu gadi ta’ee bitamaa jira, safuu! Maal jettuu Dargaggoon Oromoo oromiyaa keessa jiraattan? Maaloo kottaa magaalaa Finfinnee irratti wal geenyee FDG tokko taanee itti fufnaan dhaamsa keenya kallattii barbaachisuun nuuf haa darbu!
Ø Nuti maadheen Iftu Barii magaalaa Sulultaa irraa dhaamsa xumuraa dhaammannu akkuma beekamu wayyaaneen saboota biroodhaan oromoo arrabsiisuu yaaluu keessatti uummanni keenya saba ittiin arrabsame kana yeroo gababaa keessatti of beeksisee eenyummaa isaas hubachiisee jira kun gama hundaanuu akka itti fufu tahee utuu jiruu nuti xiyyeeffannoon keenya achirras osoo hin taanee wayyaaneedhuma sanyii saree,wrrattii garaa harree kan nyaatanii hin harre jalee isaa waliin dura dhaabbachuuf maaltu nu daangessee? Nuti Oromoodha, miliyoona 40 ol taanee uummata miliyoona 5 hin guunneef jilbeenfannaa? Iyyaa iyya dabarsaa nutu waliif fira,nutu waliif jira isa bakkee hin eegnu irra deebinee dhaamsa dhaammanna ka’a lafa jirtanii? Itti deebina uummata oromoo waliin jiraannu waliin dhaamsa qabnu!

Lafti Oromoo A/Anfilloo Irraa Qabiyyee Nama 50 ol Tahu Lammii Tigree Tokkotti Gurgurame!t

Ebla 12,2014 Gabaasa Anfilloo
Gabaasota Qeerroo Yuuniversitii fi naannoo Oromiyaa adda addaa irraan dhiyaataa jiru gama hundaanuu hammeenya mootummaa Wayyaanee saba Oromoo irratti kaayyeffatee gaggeessaa jiruudha, uummata walitti buusuun wal ficcisiisuu,lafa oromoo gurguu, saamuu irratti daran jabaatee kan itti fufeedha. Yeroodhaa yerootti irra deddeebiidhaan gabaasa Qeerroo godina Qellem aanaa Anfilloo dhiyaatuu qabeenyaa uummataa mancaasuu, qabiyyee mootummaa jedhuun lafa waggaa dheeraa qote bulaan irra qote kan dhuunfaa isaa godhachuun abbaa qabeenyaatti gurgarachuu irratti kan argameedha.
Gabaasa Qeerroo Ebla 11 A/Anfilloo ganda Shebel jedhamu irraa addeessuun lafa qonnaa uummanni Oromoo irra qotatu lafa qonnaa walii galatti kan namoota 50 olii tahu abbaa qabeenyaa lammiidhaan tigree naannoo Gambeelaa irraa kan maqaan isaa Takilahaymaanot Alleny jedhamu lafa uummataa kan naannoo gaara Essi Essii jedhamuu nama kanatti ka gurgurame yoo tahu namootni qabeenyaa isaanii kanaaf falmatan, walakkaan isaanii mana hidhaa jiru,kaan ammoo waan hojjetee maatii isaa jiraachisu dhabuun hojii humnaa guyyaatti hojjetee ooluudhaan rakkinatti galee jira,abbaan qabeenyaa tigree lafa qote bulaa kana bite tikoota wayyaaneetin guyyaa guutuu kan tikfamee ooluudha, itti fufee kaayyoon mootummaa lafa uummataa naannoo kana jiru hunduu kan mootummaati jedhee labsachaa kan jiruu fi abbootii qabeenyaa bakka birootii fidee gurgurataa kan jiru tahuu isaa Qeerroon gabaasa.Gabaasa itti fufuun walitti deeebina

Friday, April 11, 2014

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasaniin Konkolaataan Barhirdar irraa ligii Habashootaa fe’ee mooraa seene Miidhamuun gabaafame.

Ebla 11,2014 Adaamaa
Roorroo of irraa ittissuuf jecha Ebla 11 Halkaan keessaa sa’aa 7:45 irraatti gamtaan Qeerroo Yuuniversitii saayinsii fi teeknooloojjii Adaamaa Konkoolaataa Yuuniveersitii Bahaardar irraa Tiriippii dhaaf Habashoota ammaan dura ilaamaan Oromoo naannoo Bahirdaritti akka reebaman taasise akka Yuuniversitii Adaamaa hin seenne bulchiinsatti himatanii dhagahamuu diduu irraan konkolaataan kun mooricha galee bule. Haala kanaan iyyannoon barattoota dhagahamuu hanqachuu fi arrabsoon dabalataa barattoota ORomoo irra waan gaheef jecha Konkolaataa Habashoota fe’ee deemuu fi gartuu Oromoota arrabse waliin walitti bu’iins ka’uu irraan dhagaan darbatamee FDG battala dhohe. diddaan barbaachisus fudhachuudhaan fuullee isaa gara fuulduraa dhagaa 12 n battala caccabuu gabaafame.
Habashoonni Oromoo yeroo goyyomsan biyya tokko ijaarra,nuti Itoopiyaadha jechaa gochaan isaan Tapha guutuu IMPAAYERAA ITO kan marsaa 4ffaa irraatti ilmaan Oromoo waltajjii ifaa irraatti salphiste madaa hin qoorree irraatti dhukkubbii quba harkaa nutti ta’eera. osoo waan gootee beektee fuulumti ishee gara Oromiyaa hin ilaaluu ture. Oromoon Qa‘ee isaarratti salphatee,waardiyyaa diinaa gadaan itti dhaabbatu darbee jira.guyyurraa qabsoo diina qaanfachiisuu fi salphisuu abbaa biyyummaa fi abbummaa qabeenyaa haala itti mirkaneeffannuuf dadhabbii tokko malee wareegga ni baasna

Wednesday, April 9, 2014

Barattooti Oromoo Uni Adaamaa 20 ta’an Kabajaa Yaadatnoo Anooleef Osoo Deemanii Isin ABOn dha Sababa Jedhuun Hidhaman

Ebla 8,2014 Gabaasa Qeerroo Adaamaa
BilisummaaDargaggoonni seenaa dhugaa dhaale,kutannoo fi murannoo onnee irraa madden seenaa Oromoo irraa kanneen hubatnaa gahaa qaban ilmaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf boqonnaa hin qabne   seenaan bu’ura hundaa ta’uu isaa warri adda durummaan beekaan Yaaddannoo wareeggamtoota haadhoo fi abboolee(Anoolee)f jecha Adaamarraa hanga Aanoleetti lafoo deemsa taasisaniin km 66 miilaan(lafoo) kanneen kabajaaf deeman 120 keessaa barattoota Oromoo 20 mootummaan Wayyaanee hidhaatti galche.
Kanneen keessaa 17 shamarree Oromoo yeroo ta’an,Yaadatnoo Anooleef jecha amna dheeraa miillaan deemuun gochaa hammeenya diinaa yeroo yaadatan,bakka kabajaa sanii gahuuf km 9 duwwaan yemmuu isaan hafu bulchiinsa magaalaa Heexosaa aanaa Heexosaa Itayyaatti qabanii kaayyoo kamabajaa Anooleef jecha miillaa luqa’anii dhiigaa kanneen achi gahan keessaa nama 20 alaabaa ABO qabattanii jirtu sababa jedhuun dabarsanii loltoota Wayyaaneetti kennan.
Haalli kun akkaataa itti raawwate guutuun isaa,  Dargaggoonni kuni guutummaan isaanii magaalaa Adaamaa irraa kan ta’aan yemmuu ta’an gartokkeen isaanii Yuuniveersitii Adaamaa irraa fi gartokkeen immoo magaaluma adaamaa irraa barattoota koollajjii fi jiraattota,akkasumas  ijoollee gumii  adda addaa irraatii walitti qabamaniidha.  Ka’umsi  deemsa kanaa Gumii  GADAA’O   kan gidduu gala bashaannana dargoogata oromoo ganda 14 magaalaa adaamaatti argamuun kan qindaa’ee yemmuu ta’uu dura ta’aan Gumichaa HUHAABBAA HUSEEN  beekamtii deemsi kuni karaa nagaa’a jedhuun bulchiinsa magaalaa irraa waraqaa baasisee ture wanna jedhamuun  beeksisni bahee gaafa  jimaataa sa’aa 10 irratti manaa POOSTAA magaalaa adaamaa irraa deemsa kan eegale  dargaggoota 120 kanneen keessaa durboota 17 yemmuu ta’an. erga magaalaa DHEERAA  AANAA DODDOTAA geenyee gareetti wal buusee  namooni 20 kophaatti bahanii karaa qaxxaamuraa kan deemaan yemmuu ta’an isaan kunneen ilaalcha adda fi ergama biraa qabu jechuun qoqqobbiin kan ka’ee alaabaa ABO FI Waraqaa baadiyyaa keessa rabsaa deemuufi nurraa adda bahan kan jedhuun basaastoni deemsa dadhabbii guddaa gaafate kana kan karaa dabarsan yemmmuu ta’u maqaan ijoollota kanaa
1,Addunyaa keessoo…….Yuuniversitii saayinsiifi teeknoloojjii adaamaa
2. Walabummaa Dabalee              >>
3,Taaddasaa Abbabaa                    >>
4.Hirphaa Nagaasaa                      >>
5.Barsiisaa dassaalenyi                 >>
6.Mokonnin kabbadaa                 >>
7.Seefuu Baacaa                           >>
8.Hurrumaa  Bashaadaa              >>
9.Ayyaanaa Tafarraa                    >>
10.Ayyaantuu…..kophee malee ishee km 66 deemte yemmuu taa’u  filmii caayaa piroomoshinii adaamarraa
11.Eebbisaa  Margaa      filmii caaya piroomoshinii irraa
12.Caaltuu  Nugusee      barattuu koolloojjii riftii vaalii
13. Iftuu         jiraattuu magaalaa adaamaa
14.Ifaabaas   jiraataa magaalaa
15 Bilisummaa    jiraataa magaalaa adaamaa
16.Baay’isee barattuu koollajjii baalata’oo
17.Milkoo  Milkeessaa barattuu kollajjii riftii vaalii
18.Gammachiisaa Dhaqqabaa Waariyoo Mucaan kuni basaastummaa kan ergame ta’uun irra gahame fi bakkeen isaa kan hin beekamnee dha
19 Gammachuu jiraataa magaalaa adaamati
20 Esheetuu  jiraataa magaalaa adaamati
Namoonn  20n kuni galgala sa’aa   1 halkaan keessa gaafa sanbat duraa kan qabanii tooftaadha hidhamanii harka wayyaanee bulaniidha  Aanolee erga miilaan gahanii booddee  namoonni 100 bulchiinsi magaalaa simannaa godheefi malaan kan karaa bulcheedha akka isaan achin geenyeef,isaan kunnen kan hedhamaniif ijjoollota 20 nu duukaa dhufan bakka itti hiitanii fuunu malee hin deemnu  waan jedhaniif kan hidhaman. sababni hidhaameef waa tokkollee hin beekkamne akkamitti lafoo dhufatanii sin shakkamtoota bosonaa dhuftaan alaabaa qabduu waraqaa qabatanii eebbaa siidaa kanaa gufachiisuufi waan jedhu duwwaattu afaani isaan bahaa.Akkaataa kanaan guyyaan yaadannoo sun xumuramee jira.

Tuesday, April 8, 2014

Ethiopia’s borderless cyberespionage


chinese- and European-made spyware is enabling Addis Ababa to silence dissent
April 7, 2014 9:00AM ET

I met Abdi (not his real name), a 32-year-old primary school teacher from Ethiopia’s Oromia region, last July while in Nairobi. Abdi had been arrested a year earlier in his hometown for organizing a protest against local government corruption. He was already under the eye of Ethiopian security officials because he refused to provide information on the activities of his students to local authorities.
Over the course of two weeks in detention, Abdi was repeatedly beaten and accused of belonging to the Oromo Liberation Front (OLF), which originated in nationalist movements fighting for increased autonomy in the 1960s. The Ethiopian government considers the OLF a terrorist organization and uses the threat of an armed struggle to justify repression of ordinary Oromos, who constitute Ethiopia’s largest ethnic group.
The harassment continued after Abdi was released. Eventually, like thousands of other Ethiopians, he felt compelled to flee to Kenya, leaving behind his wife and two children. After some time in Kenya he called home and spoke to his wife, who told him that security officials had been harassing her since he left. That was the last time he spoke to her.
Abdi later learned from neighbors that security officials came to their house hours after his call, demanding to know who was calling her from Kenya and accusing her of being in contact with rebel operatives there. He no longer calls Ethiopia and does not know the whereabouts of his family.
Abdi’s story is not unique. In the last two decades, tens of thousands of Ethiopians have fled their country because of government repression or limited economic opportunities. Most of these migrants, especially those living in neighboring African countries, fear that if they communicate with their families back home, their calls will be traced and their relatives will face repercussions. As new research by Human Rights Watch shows, their fears are well founded. The fear that permeates the lives of many inside Ethiopia has been successfully exported to other countries. 
Ethiopian expats, including those living in the United States, have become targets of Addis Ababa's global espionage. 
The state-run Ethio Telecom is the sole provider of phone and Internet services in Ethiopia. The Chinese telecom equipment and systems company ZTE is helping Ethiopia modernize its telecommunications infrastructure. The Ethiopian government uses a Chinese-developed telecom system to monitor and control the communications of its citizens and to silence dissenters both in Ethiopia and abroad. Security officials have unlimited access to the phone records of everyone in the country who owns a phone. During abusive interrogations, security officials often play back recorded phone calls to people in their custody. Those calling or receiving calls from foreign numbers are particularly at risk of reprisals by a government keen to punish those it considers a threat.
But Ethiopia goes even further to monitor dissenting voices outside its borders. The government has acquired and is using commercially available European-made spyware — namely the U.K.- and Germany-based Gamma International’s FinFisher and the Italy-based Hacking Team’s Remote Control System — to monitor dissenters in other countries, effectively extending its surveillance capabilities far beyond its borders. These tools provide security and intelligence agencies with full access to files and activity on an infected target’s computer. They can log keystrokes and passwords and switch on a device’s webcam and microphone, turning a computer anywhere in the world into a listening device. Ethiopian expats, including those living in the United States, the United Kingdom, Norway and Switzerland, have become targets of this global espionage.
In late 2012, security officials detained the wife of Yohannes Alemu, a Norwegian citizen and member of a banned opposition group, as she was visiting family in Addis Ababa. They questioned her about her husband’s political connections. Then the security officials demanded information from Yohannes via phone and email about his opposition party colleagues. He refused; after 20 days his wife was finally released and returned to Norway.
But the incident did not end there.
One of the emails he received contained an attachment infected with FinFisher spyware. Once he had downloaded this spyware, the Ethiopian security agencies had unfettered access to all the information on his computer.
While people around the world are right to be shocked by former National Security Agency contractor Edward Snowden’s revelations of mass surveillance by the U.S. government, they should also be concerned that repressive governments such as Ethiopia’s are purchasing and using advanced technologies to target independent voices beyond their borders. The export and use of these European-made commercial products remains virtually unregulated. This is particularly worrying given that evidence exists that similar technologies may be in the hands of authoritarian regimes throughout the world.
These technologies enable repressive governments to monitor dissenting voices in other countries — even in countries where privacy rights are stronger and legal protections are in place to limit state-sponsored surveillance.
The United States, European Union and other donors that together provide an estimated $4 billion in annual aid to Ethiopia should take concerted steps to stop this abuse. They should support global efforts to regulate the export and use of such technologies to governments with poor human rights records. African governments should also speak out and make it clear to Ethiopia that it is an infringement on basic rights to use these technologies to spy on citizens outside of Ethiopia’s borders — people who are all too often seeking protection from repression back home. 
Felix Horne is an Africa researcher at Human Rights Watch and co-author of a new report, “‘They Know Everything We Do’: Telecom and Internet Surveillance in Ethiopia.”
The views expressed in this article are the author's own and do not necessarily reflect Al Jazeera America's editorial policy.