Adoolessa  17,2014 humni waraana Wayyaanee naannoo Dambi Doolloo qubsiifame FDG naannoo sanatti ta’aa jiruun wal qabatee wal dhabbiin jidduu isaaniitti daddaraaraa kan dhufe yeroo ta’u. Tarkaanfiilee uumanni naannoo sanii fudhatuu fi diddaa sirna Wayyaanee argisiisan irraa kan ka’e loltoota goosaan Oromoo hin ta’iin heddumminaan naannoo san qubachiisan.Haala kanaan kan ka’e rakkoon keessatti uumame daran jabaachuu irraan guyyaa har’aa Adoolessa 17,2014 mooraa keessaa wal baasuun reebicha wal irratti raawwataa akka jiran gabaasi Qeerroo naannicha irraa ibsu addeessa.
Haala kanatti kan baarage mootummaan Wayyaanees battalatti araaraf sababa jedhuun lolotoota Federaalaa bakka dhufanii hin beekamne heddumminaan gara Magaalaa Dambi Doollootti galchaa akka jirus gabasi kun hima.
Haalli kun naannoo DD qofa osoo hin taane bakkoota adda addaa waraanni Wayyaanee qubatee jirutti rakkoon fakkaataa akka argamaa jiru dha.
Gama biraan barattooti Oromoo Yuunversitii keessaan boqonnaaf maatii isaanii dubbisuuf gara Dambii Doolloo,Gidaamii  fi  Anfillootti gala jiran buufata konkolaataa irraa eegalanii hamma ganda galaniitti akka sakata’amaa jiran beekame.