Wednesday, April 30, 2014

Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota Barattoota Oromoo M/B Ballaammii Sadarkaa 2ffaa Eegale

Ebla 30,2014 Gabaasa Qeerroo Ballammii
OromiaALutaContinua2011FDGEbla 30/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti FDG Gootota barattoota Ooromoo M/B Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi uummata Ooromoo Magaalaa Ballaammiitiin har’a sa:aa 8:00 wd irraa eegaluun amma gaggeeffamaa jira, hirirri nagaa kun gaaffii barattootni kenyaa dhaabbilee barnoota olaanoo kanneen akka yuunibarsiitii Jimmaa, Harammaayyaa, Amboo, Adaamaa, Wallaaggaa, Mattuu fi Bulee Horaa kaasaa jiran guttummaan isaa Ggaaffii keenya jechuun sabboontotni Bbarattootni mana barumsaa Ballaammii sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa uummaata Mmagaalaa Baallaammii waliin ta’uun hiriira guddaa gaggeessuu irraatti argamu. Akkuma dhaabbilee barnoota olaanoo Gaaffii isaanii iyyaannoodhaan karaa seeraa qabeessaa ta’een Bulchiinsa aanaa Midaa Qanyii fi Bulchiinsa M/B Baallaammiitti galchachuun hiriiraa mormii guddaa kan uummata 4000 ol hirmaachisee gaggeessuu irraatti argamu, 
 Yeroo amma kanatti akkuma baratame mootuummaan abbaa irree wayyaanee humna waraanaa liyuu hayil fi kora bittinneessa jedhamu hiriiricha dura dhaabuun, Gaazii summa’aa kan nama boosisuu irraatti dhukaasuun bittinneessuuf yaalii guddaa godhus uummaannii fii barattootni nuti mirga keenyatu sarbamee mirga keenyaaf falmannaa jechuun FDG haalaan qinda’aa fi jabaa ta’ee itti fufee jira. Bbarattootni Mana Barumsaa Gabaa Kamisaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1 -8ffaa barachaa jiran mana barumsaa gadhiisuun yeroo kanatti hiriirichatti makamaa jiru, Dargaggootni Oromoo mAgaalaa Ballaammii fi Barattootni Ooromoo Magaalaa keessaa nannaa’uun dhaadannoo isaanii dhageesisuun itti fufe. gabaasaan kun itti fufa.

Tuesday, April 29, 2014

Gaaffiin Bilisummaa jabaatee itti fufuun Godina Horroo Gudur uu aanaa Jaardagaa J aartee mana Barumsaa Aliiboo sadarkaa 2f faa fi Qophaainaa k eessatti finiine

Ebla 29,2014 Gabaasa Qeerroo Shaambuu
VIVA QeerrooDiddaan Mootummaa wayyaanee irratti jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee Mana barumsaa sadarkaa Lammaffaa fi Qophaainaa Aliiboo keessatti finiinee itti fufe. Barattootni sadarkaa lammaffaa, sadarkaa 1ffaa fi Qophaainaa mana Barumsaa Aliiboo keessaa baratan Gaaffiin Uummata Oromoo kan Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaa deebiuu qaba, Kan Uummata Oromoo same haa buqqau, Finfinneen handhuura Oromiyaati, Kanneen hidhaman haa hiikaman jechuudhaan kan itti fufan yoommuu tahu Mootummaan wayyaanee garuu barattoota Oromoo gaaffii mirgaa gaafatan Gaaffiin keessan Gaaffii ABOti jechuun waraanaa fi Poolisa itti bobbaasuun reebicha irraan geessisaa jira. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessus gaaffii mirgaa irraa akka hin dhaabbanne kan mirkansan Qeerroon magaala Aliiboo barattootni mana Barumsaa Amuruu, Saqalaa, Haratoo, Shaambuu fi Fincaaaa waamicha Oromummaa keenya akka nuu dhageessan jechuun kan dhaammatan yoo tahu Uummatni Oromoo bakka maraa kaee qabsoo eegalamee fi wareegama kaffalame Bilisummaan akka mirkansu waamicha Oromummaa dabarfatanii jiran.

Monday, April 28, 2014

FDG Gootota Barattoota Oromoon Qabate Itti Fufuun Har’as Yuuniversitii Wallagga Keessatti Haalaan Jabaate. Barattooti Oromoos Waraana Wayyaanee Agaazii Jedhamun Reebaman

geeFDG1FDG@
Gabaasaa: Ebla 27/2012 FDG Gootota dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Wallaggaa jabaatee itti fufuun guyyaa har’aa Ebla 27,2014 falmaa jabaa keessa oolan.Goototni barattootni Oromoo gaaffii keenyaaf deebiin nuu kennamuu qaba jechuun guyyaa lammaffaa ganama irraa eegaluun dhaadannoo dhageesisa turanii jiru.
Mootummaan abbaa irree akkuma amala isaa gaaffii barattoota karaa nagaa fi demookiraasii dhiyaateef deebii humna waraanaa fi loltuu of harkaa qabuu fi qawweetti dhimma bahuun barattoota Oromoo dararuu irratti argama. barattootni hedduunis humna waraanaa kanaan qabamanii hidhamaa jiraachuu maddeen keenya gabaasaniru, barattootni Oromoo hedduun humna polisii federaalaatiin rebbichaa cima irra ga’ee yeroo amma hospitala Naqamatee galanii jiraachuun ibsamera. barattoota humnota federaala wayyaaneen midhaan qaama isanii irra ga;ee kunis;
1. Barataa Dawuti Gonfaa
2.Barataa Abdiisaa Nagaasaa
3.Barattuu Geexee Tafarii,
4.Barataa Ababa Kumarraa
5.Barataa Tashoomee Daawuti
6. Barataa Dasitaa kanneen jedhaman kan keessatti argamaan humna poolisii Federaalaa Wayyaaneen reebamani midhaan qaama kan irra ga’ee ta’uun ibsamera.
Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaaggaa akkuma  gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, hidhaan, reebichii, doorsifnii, barnoota irraa arii’atamuun duubatti nu hin deebisu jechuun guyyaa har’aas FDG itti fufanii olaniiru.Maqaa barattoota hidhamanii guutuu fuula duratti dhiheessina.
Gama biraan waraanni Wayyaanee kan Agaazii jedhamee beekamu magaalaa Naqamtee qubachuun uumata goolaa jira. Addatti Yuuniversitii Wallaggaa keessa namoota barattoota basaasan dabballoota OPDO kanneen akka
1.Tafarii Xiyyaaroo bulchaa Godina Wallaggaa Bahaa
2. Tolasaa waggaarii Bulchiinsa magaalaa Neqemtee irraa
3. Eebbaa nama jedhamu itti aanaa President Yuunibarsiitii Wallaggaa kanneen jedhamanii qabachuun barattoota itti roorrisaa jiraachuun beekame.
Muktaar Kadir haala kana dhaamsuuf jecha naannoolee FDG ka’an mara irra naannawuun milishootaan qabatee uumataa fi barattoota akka sodaachisaa jirus odeessi jiru ni addeess

Barattooni Mana Barumsaa Qophaayina Namaqamtee Har’a Ebla 28,2014 Gaaffii Mirgaa Qabachuudhaan Dhaadannoo Isaanii Dhageessisaa Jiru

Gabaasa Qeerroo Ebla 28,2014 Naqamte

diddaa-4Madda Gabaasaa Qeerroo Naqamtee har’a Ebla 28 ganama irraa kaasanii barattootni oromoo mana barumsaa qophaayina Naqamtee dhaadannoo dhageessisuudhaan hiriira osoo poolisoonni wayyanee dura dhaabatanii bahanii akka jiran gabaasi addeessa.Kaayyoon barattoota kanaas akkuma barattoota yuuniversitiilee irraan wal qabatee kan master pilaanii naannowaa finfinnee federaaala jala galchuu fi kan biroos ilaalchisee mormii isaanii dhageessisaa jiru.Dhaadannoo isaanii:-
  1. -oromiyaan kan keenyaa
  2. -oromiyaan haa bilisomtuu
  3. -master-plan magalaa finfinnee haa kahu
  4. -sidaan minilik finfinnee keessaa haa kahu
  5. -siidaan Eebisaa Addunyaa nuuf haa dhabbatu
  6. -afaan oromoo afaan federal haa tahu
  7. -cunqursaan ummataa oromoo irraa haa kahu
  8. -nutii oromoon magaalaa keenyaa hin lakisnuu jechuun dhadhannoo isaani ummatatti himaacha utuu jiraani poolisonni naannoo sana baratota reebu fi mana hidhatti dhaqa jiruu magalaan Naqaamtee abjuu baratoota argaa jira magaalaa Naqaamtee halaa ho’adhan poolisonni ummataa (baratoota) reeba akka jiranis gabaasni Qeerroo magaala Naqamtee addeessee jira.Itti Fufa! Injifannoon U/Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Sunday, April 27, 2014

FDG Yuuniversitii Wallaggaa Daran Jabaachuu Irraan Loltoonni Wayyaanee Dhaabsisuu Hin Dandeenye.


wallaggaa
Ebla 26/2014 Goototni Dargaggootni Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa FDG dhoosan. Har’a ganama sa’aa 1:00 irraa eegaluun goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa gaaffii mirga hiree murteeffannaa oromoo fi roorroo haala yeroon walqabatee uummata keenya irratti gaggeeffama jiru balaaleffachuun FDG Yeroo ammaa Oromiyaa guutuu irraatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun FDG itti fufan .
Warraaqsi kun uummata Oromoo Magaalaa Naqemtee kan dabalatee yoo ta’uu gaffii mirga hiree murteeffannaa Oromoo fi gaaffii haala yeroo uummata Oromoo dhimmota magaalaawwaan Oromiyaa fi magaalawwaan nannawaa Finfinnee jiran Mootummaan abbaa irree federaalaa fi Finfinnee jala galchuuf jiru hin fudhannuu, akeekni kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jechuun hiriira nagaa guddaa kan namoota 10,000 ol hirmaachisee Magaalaa Neqemtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti gaggeessa jiru.
Gootoni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii wallaggaa Gaaffiin keenya gaaffii mirgaati gaaffii kabajamuu uummata Oromooti, gaaffii dimookiraasiiti, jechuun sagalee isaanii dhageesisuun, eenyuumma Oromummaa isaanii kabachiifachuuf dhaabbatan.
Dhadannoowwaan: Oromiyaan kan Oromooti, maqaa invetimentiin lafa Oromoo gurguruun dhaabbachuu qaba, Finfinneen kan Oromooti, magaalaawwaan Oromiyaa of jala galchuuf adeemsa abbaa irree ni balaaleffanna, mootummaan garbomsaa kufuu qaba, hidhamtootni Oromoo hiikamuu qabu, barattoota Oromoo hidhuun, barnoota irraa arii’uun, doorsisuun, ajjeessuun nurraa dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi kkf dhadannoo ganama kana Gootota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaan dhageesifama jirudha, Mootummaan abbaa irree humna waraanaa fi poolisa federaalaa humna guddaa bobbaasee sochii FDG kana dura haadhabbatu iyyuu malee dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Naqemtee
Ebla 26/2014
.

Thursday, April 24, 2014

Gootonni Barattooti Oromoo Jimmaa Gamtaan Wal Qindeessanii Diddaa Gaggeessaniin Waajjira Poolisaa Jimmaa Deemuun Barattoota 8 Hidhaa Irraa Baafatan!


Ebla 23,2014 Jimma

QerroooBarattootni Oromoo guyyaa har’aa Ebla 23,2014 barnootaa fi nyaata dhaabuun FDG itti fufan,gamtaadhaan baay’atani baratoota kaleessa fi dheengadda to’ataman waajjira poolisii magaalaa Jimma deemuun dhiphisan, magaalaan illee baay’ee muddamte, waraanni wayyanee fi poolisotni waan qabanii gadhiisan dhaban isanumatti iyyuu gaaffii guddaa itti ta’ee jiraachuu nammoonni tokko tokko dubbachaa jiru. guyyaadhuma har’aa waaree booda waan godhan dhabnaan Barattoota keenya hidhamani turan Gara mooraatti deebisuun koree namuusaa irratti dhiyeessuun naamusa yuunibarsiitii cabsitanii argamtan jechuun himatan. erga biiroo Dean barattootti galchanii poolisotaa reebdan, jeequmsa kakkastan, naamusa cabsitan jedhani booda guyyaa beellama kibxata dhufutti qabaniifi gadi gadhiisaniru. walumaa galatti baratttootni keenya amma gadhiifaman kun;
  1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
  2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
  3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
  4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
  5. Barataa Israaeel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
  6. Huseen , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffa
  7. Barataa Abdii Turaa mummee Seeraa waggaa 5ffaa mooraa Main Cumpass irraa,
  8. Barataa Mooiiboon Baqqalaa , mummee health officer waggaa 2ffaa
Barattootni kun haala kanaan gadhiifamanii guyyaa beellama dicipline Yuunibarsiitii kibxataa kana eeggachaa jiru
.

Wednesday, April 23, 2014

Ammas Daddabalee Bulchiinsi Yuuniversitii Jimmaa Barattoota Oromoo 6 ta’an Dabarsee Poolisoota Wayyaaneef Kenne


Ebla 23,2014 Gabaasa Qeerroo Jimmaa
24 02 14 10 40
Milishoota Wayyaanee Jimma
Ebla 22/2014 Bulchiinsi Yuunibarsiitiin Jimmaa gochaa fashistummaa fi diinummaa barattoota Oromoo irratti rawwachaa akka jiru Qeerroon mooricha irraa gabaasa. Bulchiinsi Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Beeksisa Ebla 22/2014 waaree boodaatti biiroo Dean Barattootatti barbaadamtu jechuun baase irratti barattoota Oromoo 6 gara waajjirichaatti waamaman, Barattootni akkuma dhaqanitti  biirootti olgalchuun hanga galgala keessa sa’aa 12:30tti doorsisaa turuun dhumarratti poolisa federalaan qabamani wajjira poolisaa magaalaa Jimmaa ganda 05 Awweetuu mandaraatti geessuun hidhani jiru. Barattootni Oromoo balleessa tokko utuu hin qabaatiin seeraa discipline committeetu isin waame jechuun ilmaan Oromoo nagaa ukkamsuun hidhatti galchuun har’a yakka hin jirree uummata keenyaa fi beektota barattoota keenya irratti dalagama jira. Barattootni amma haala kanaan kaleessa galgala qabaman.
1. Barataa Falmataa Bayechaa, mummee medicine waggaa 5ffaa
2. Barataa Galaanaa Ababaa, mummee Governance and Developmental studies waggaa3ffaa
3. Barataaa Gadaa Darajjee, mummee Governance and Developmental studies waggaa 3ffaa
4. Barataa Zabbanaa Barasaa, Mummee Afaan Oromoo folklore waggaa 3ffaa
5. Barataa Israa’eel Haptamuu, mummee barataa Educational planning
6. Huseen  , muummee Information Technology (IT) waggaa 3ffaa barachaa warreen jiran maqaa seeraa ala gaaffii gaafatan, fi ajaja poolisii mooraa Yuuniversiitii Jimma humna tikaa wayyaanee ergama diinummaa ilmaan Oromoo irratti baate kan jiru Kalid Abbaa Tamaam reebdan jechuun sobaan yakkamanii kan hidhaman ta’uun beekame jira.
Gochaan yeroo yeroo’n barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa irratti ergamtee bultootni wayyaanee gaggeessa jiran kun daran barattoota Oromoo qabsoof onnachiisuun gabaafamera. kanumaan walqabatee adeemsii baruu fi barsiisuus mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhaabbatee jira/addan citee jira
.