Friday, June 27, 2014

Uummaanni Oromoo Godinaalee dhihaa Oromiyaatti shiraa fi Hokkora Wayyaanee dura dhaabbachuun diddaa isaa jabeessee jira

OromiaALutaContinua2011FDGWaxabajjii 25,2014 Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n Godina Dhiha Oromiyaa Magaalota kanneen akka Burraayyuu, Amboo, Gudar, Nagamtee, shaambuu, Gimbii, Dambii Dolloo, Jimmaa fi Mattuu irratti duula olola Afaan faajjii itti fufuun marsaa 3ffaa oofaa jiru jebassuun Uuummata Oromoo dogoggorsuu fi qabsoo mirga isaa kabachiifachiifachuuf qabsoo FDG Uummanni Oromoo gaggeessa jiru ukkamsuuf wayyaaneen shira xaxuu itti fufte.Wayyaaneen asiin fuldura FDG gara dabarsuuf hiriira baha nadeeggaraa jechuun yeroo lama godinaalee dhiya Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata baasuuf yaalii gooteen diddaa uummataan kan duraa fashalaa’ee yoo ta’uu, Ammas yeroo 3ffaaf uummaata dirqisiisuu fi shororkeessuu irratti argamti. Haaluma kanaan uummata Oromoo kessaattuu godinoota dhiha Oromiyaa Magaalaawwaan gurguddoo kanneen akka Amboo, Naqamtee, Dambii Doolloo, Gimbii, fi Mattuu irratti hiriira ba’a na deeggaraa jechuun shororkeessa itti aanu kana uummata irra ka’uun guuttummaan godinaalee dhiha Oromiyaa goolama jira
1. Manneen daldalaa keessan ni cufama,
2. Gaaffii tokkoo malee hidhaa baatii sadii hanga jahaatiin adabamtuu,
3. Ijoolleen keessan bakka isin arguu hin dandeenyetti hidhamu,
4. Namoota asiin fuldura FDG keessatti hirmaatanii ajjeefamaniif itti gaafatamtu,
5. Warraaqsaa FDG mootummaa garagalchuuf godhamaa jiruuf itti gaafatamtu
6. Horii (Durgoo) isiniif kennina, jechuun dabballotaa sirnichaa uummaata keessa facaasuun uummata afaan faajjessuuf shirrii Wayyaaneen ofaa hin jirree hin jiru.Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka

Sunday, June 22, 2014

Wayyaaneen Shira Marsaa 3ffaa Magaalaa Amboo Irratti Gaggeessuuf Yaaleen Uummata Oromoo magaalaa Amboo fi dargaggoota Oromoon Fashale.

QerroooWaxabajjii 22,2014 Mootummaan Wayyaanee olola afaan faajjii uumuun gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummaanni Oromoo gaafachaa ture dhabamsiisuuf ykn sagaleen uumata cunqurfamaa akka hin dhagahameef jecha meeshaa waraanaa fi human waraanaan uumata nagaa goolaa fi jeeqaa jira.
Haala kanaan guyyaa har’aa FDG Lixa Shawaa Amboo gara dabarsuuf jecha uumata humnaan dirqisiisee karaa dabballoota isaa hiriira deggersa mootummaa wayyaanee akka bahamu yaalii gochaa ture. Hiriira humnaan dirqisiisee uummataa fi dabballoota isaa baasuun shira dalaguuf baajata guddaa fi humna waraanaa guddaa bobbaasuun shirri diinummaa magaalaa Amboo irratti gaggeeffamuuf sochii guddaa godhee ture sun  diddaa uummataa fi dura dhaabbannaa dargaggoota Oromootiin waan Wayyaanee fi aangawoonni isaanii barbaadan jalaa fashalee jira.
Wayyaaneen dabballoota garaaf bitamanii fi kanneen afaan Oromoo dubbachuu malee dhalootan Oromoo hin ta’iin walitti qabuun namoota baay’inaan 100 hin callee of dura qabuun shira abdii kutannaa uummata keenya irratti gaggeessuun hubatamera. Keessaattuu uummaanni Oromoo jiraattootni magaalaa Amboo fi dargaggoonni Oromoo guutummaatti shira diinaa kana irraa qooda fudhachuun hojii dhabuun waammicha Wayyaanee irraa qooda kan fudhatu diina uummata Oromooti jechuun jibbinsa wayyaaneef qaban ibsataniru.
Gochaa Fashistummaa Wayyaanee kana balaaleffachuu fi dura dhaabbachuuf dargaaggootni oromoo fi uummaatni Oromoo Magaalaa Amboo ganda 03 naannoo M/B Sadarkaa tokkoffaa Cariitti walitti qabamuun uummaata warraaqsa gaggeessuuf jiru homaan waraanaa magaalaa Amboo irra qubsiifameen bitineeffaman, dargaggootni Oromoo 6 humna waraanaan qabamanii mana hidhaa wajjiraa poolisii Godina lixa shawaatti darbataman.
Sochii Mootummaan Wayyaanee gaggeesite kana keessatti hoomaan waraanaa uffata of irraa baasee uummata fakkachuun akka hiriira Wayyaanee irraa qooda fudhatu dirqisifaamee, humnootni milishaa fi poolisaa illee haaluma kanaan akka ba’an qajeelfama wayyaanee hojirra olchuuf dirqaman illee gochaa kana rawwachuu irra fedhii akka hin qabnee odeessii keessa isanii ba’aa jiru ifa godhee jira. Kana malees Wayyaaneen abdii kutatee waan qabee gadhiisuu wallaale kun sabaa fi sablammoota biyyaatti jiraattoota baadiyaa fi dabbaloota Wayyaanee garaa qofaaf jiraattan baadiyaa irraa walitti qabuun xaa’oo fudhattanii galtu jechuun uummata gowwomsaa ture, Uummaanni Oromoo baadiyaa Magaalaa shira wayyaanee irratti dammaqee gaafa dura dhaabbatuu, saboota kanneen gowwomsuun olola isaa oofuuf yaalii akka godhee hubachuun danda’amera.
Qondalootni Wayyaaneef ergamanii jiraatan walga’ii maqaa hiriira baha nu deeggara Wayyaanee kana gaggeessuuf wareegaman biro bishanii fi albuudaaf energy Oromiyaatti nama Mootummaa Maqaasaa jedhamuu fi bulchiinsa Godina Lixa Shawaa wayyaaneedhaan doorsifamaa jiru nama maqaan isaa jedhamuu fi dabbaloota ilmaan TPLF maqaa isaanii dhoksuun waltajjichaa gaggeessuuf bobbaafaman yoo ta’uun, haaluma kanaan dabballootni kunneen namoota miseensota,:Waraanaa, milishaa, poolisa, sabaaf sablamoota Oromiyaa Lixa shawaa naannawaa Amboo jiraattan fi dabbaloota humnaan dirqisiifaman dabalatee namootni lakkofsaan 100 hin caallee Isteediyeemii Ambootti humna waraanaa guddaan marfamanii ololaa afaan faajjii wayyaaneen uummata Oromoo irratti gaggeessuun saaxilamee jira. Haala kana irraa Wayyaaneen Ololaa TV olola kijibaaf tolu waan waraabdu dhabdee dabballoota godinaa dorsisaa turuun ni yaadatama. Sochii kanaan walqabatee Magaalaan Amboo humna waraanaa guddaan marfamtee eegamaa jirti. Haala kanaarraa uummaanni oromoo magaalaa amboo fi nannawaa ishee gochaa diinummaa dhiiga namaadanfisuu kanatti aaruun wareegama qaalii kan faluuf qopha’aa jiraachuun sochii uummataa irraa hubatamee jira. Wayyaaneen diddaa uummata Magaalaa Amboo fi dargaggoota kanatti waan haalan yaaddoofteef dabbaloota fi garaaf bultoota, akkasumaas ilmaan saboota biroo walitti qabdee kanaan callisanii gargar bittinna’uun gara mana isaanitti akka galaan goochuun soda jiruu dabballootuma meeshaa diinaa kanaaf saaxiluun illee hubatamera.
Uummaanni Oromoo godina lixa shawaa fi Magaalaa Amboo fi naannawaa ishee sagantaa wayyaaneen fuldratti gootu kamuu dura
dhaabbachuu fi lagannoo (boycotts) gochuuf dhaamsa waliif dabarsaa jiraachuun hubatamera.

Saturday, June 21, 2014

Uummanni Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo Humnaa fi Dirqamaan EPRDF Deggeree Akka Hiriira Bahuuf Ajajii fi Qajeelfama Aangawoota Wayyaanee Irraa Kallattiin Qophaayeef ,Jiraattoti Aanaa Amboo Diddaan Dura Dhaabachuuf Qophiitti Jiru.

Waxabajjii 21,2014 Amboo
diddaaUummaata Oromoo Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo fi Gudar irratti duula Olola Afaan faajjii uummuuf jecha Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Magaalaa Amboo irratti uummata dirqisiisee hiriira Waxabajjii 22/2014 baasuuf jiru dura dhaabbachuun dirqama ilmaan Oromoo hundaati!!.
Wayyaaneen hiriira kana Yeroo lama uummata Baasuuf yaalii gootee diddaa uummataan kan duraa fashalaa’ee yoo ta’uu yeroo 3ffaaf uummaata dirqisiisuu fi shororkeessuu irratti argamti. Haala uummata Oromoo kessaattuu jiraattoota Magaalaa Amboo yoo hiriira kana baatanii hin hirmaattan ta’ee Rakkinoota Armaan Gadii kanatu isin eeggata jechuun uummata shororkeessuu irratti argamti:
1. Manneen daldalaa keessan ni cufama,
2. Gaaffii tokkoo malee hidhaa baatii sadii hanga jahaatiin adabamtuu,
3. Ijoolleen keessan bakka isin arguu hin dandeenyetti hidhamu,
4. Namoota asiin fuldura FDG keessatti hirmaatanii ajjeefamaniif itti gaafatamtu,
5. Warraaqsaa FDG mootummaa garagalchuuf godhamaa jiruuf itti gaafatamtu jechuun uummaata humna waraanatti fayyadamuun maqaa garee fi gooxii jedhuun walitti qabuun sodaachisuuf olola kana oofa jiran illee uummaanni gochaa shororkeessuummaa mootummaan Wayyaanee Oofaa jiru kana balaaleffachuu irratti argama; kanaan wal qabatee uummaanni nagaan qe’ee isaa irra qabamee hidhamaa jira.Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka

Monday, June 9, 2014

FDG Wallaggaa Anfilloo Irratti Itt Fufe,Daandii Konkolaataa Dambi Dolloo fi Anfilloo Gidduu Guyyoota Lamaaf Cufamee Jira

Gabaasa Qeerroo Anfilloo Waxabajjii 09,2014

OromiaALutaContinua2011FDGGabaasa Qeerroo Qellem,Dambi Doolloo irraa Waxabajjii 09 addeessu. Mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee FDG Oromiyaa keessatti gaaffii mirgaan wal qabatee isa balaaleffatu uummata Oromootiin finiinaa jiru dura dhaabbachuuf lubbuu Oromoota hedduu galaafataa fi mana hidhaatti guuraa saba biraa uummata oromoo irratti kaasuudhaan umurii sirna bittaa isaa achi butachuuf yaalii wal irraa hin cinne taasisaa jira.
Torbee kan hin caalle keessatti barataa sabboonaa Oromoo Anfillo ganda Ashii irratti ajjeesuun ni yaadatama. Kunis yeroo ammaa akka ifa bahetti ergamtoota sirnichaa keessaa kanneen human waraana Wayyaanee fi poolisii Wayyaanee waliin walitti hidhachudhaan uummata Oromoo ajjeesisuu irratti muudamanii aangoo argachaa jiraachuun beekama.
Haatau malee uummanni aanaa Anfilloo gandoota Heeneche, Dullii,Shuushaa, Yaarer,Gobbii,Ashii,Suddii fi Garjeeda irra jiraatu guyyaa kaleessaa Waxabajjii 08/2014 daandii gubbaatti bahuudhaan gana saa 2:00 irraa hamma galgala keessaa saa 12:00tti uummanni 2,000 ol hiriira FDG itti fufuudhaan dhaadannoo isaanii akka kana gadiitti dhageessisaa oolanii jiru.
- Mootummaan wayyaanee ajjeesaa fi saba oromoo nyaataan nurraa haa kau
- Mirgi dhala namaa kan eegu nuuf haa birmatu
- Ajjeefamuun nurraa haa dhaabbatu
- Kan hidhame mana hidhaatii haa bahu
- Mirgi keenya hin sarbamin
- Mootummaa nu fixu hin barbaannu,ofiin of bulchina
- Humni waraana federaalaa nu keessaa haa bahu
- Oromiyaan keenyuma
- Ammallee lafti oromo hin gurguramin,hin saamamin
- OPDOn bakka nun buhin,kan nu nyaatuu fi nu ajjeesu nurraa haa dhaabbatu
Jechuudhaan guyyaa kaleessa uummanni daandii gubbaatti bahuudhaan hiriira FDG itti fufanii sagalee isaanii dhageessisaa oolanii jiru. Kun Waxabajjii 8/2014 yoo tahu akka gabaasa guyyaa haraa Waxabajjii 9/2014 addeessutti ammoo daandii konkolaataa godina Qellem Dambi Doolloo irraa gara aanaa Anfillootti geessu mukeen jigsuu fi konkolaataadhaan danqarani cufuudhaan aanaa Anfilloo keessa humna waraana Wayyaanee waliin hiriiruudhaan goojjamoota uummata Oromoo irratti kaanii jiran sakattauudhaan tarkaanfiin iirratti fudhatamaa tureera. Kanneen nageenya qaban osoo hin taanee waraana Wayyaanee waliin hiriiruun iilmaan Oromoo hiisisuu fi hordofsiisuun qabsiisuu irrattii argaman uummanni jirattoota Aanaa Anfilloo akeekachiisanii jiru.

Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Madda walaabuu 15 tika mootummaa wayyaaneen halkan ukkaamsamuun bakka buuteen isaanii dhabame

Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 09,2014 Madda Walaabuu
Madda Walaabuu uniMootummaan Wayyaanee hanga hundeen buqqa’u hidhaa fi ajjeechaa ilmaan Oromoo irraa kan hin dhaabbanne Yuunivarsiitiilee keessaa barattoota Oromoo maqaa ABOdhaan funaanuun mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Mootummaan abbaa irree faashistii wayyaanee gaaffii abbaa biyyummaa Uummatni gamtaan gaafataa jiru dura dhaabbachuuf tarkaanfii hidhaa fi ajjeechaatti kan xiyyeeffatte Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessaa funaanuudhaan isin Qeerroodha, Kan Qeerroo ijaaruu fi Uummata kakaasu isini jechuun mana hidhaatti ukkaamsitee jirti. Barattootni 15 ol bakka buuteen isaanii kan dhabame yoommuu tahu isaan keessaa
  1. Barataa Anuwaar Sayid muummee Accounting waggaa sadaffaa irraa
  2. Barataa Amaan Badhaasoo Barataa Civil Engineering waggaa 4ffaa
  3. Barataa Gurmeessaa Tujibaa Barataa Managment waggaa 2ffaa
  4. Barataa Ashannaafii Bariisoo barataa Managment waggaa 3ffaa
  5. Barataa Tasfaayee Caalaa Economics waggaa 3ffaa
  6. Barataa Hamzaa Usmaan barataa Civil engineering waggaa 4ffaa
Keessatti argamu. Mootummaan wayyaanee hanga hundeen buqqa’ee Bilisummaan oromoo fi Walabummaan Oromiyaa mirkanaa’utti gocha farrummaa Uummata Oromoo dararuu irraa waan hin dhaabbanne tahuu hubachuun Uummatni gamtaan qabsoo Oromoo deemsifamaa jirutti makamuun qooda Oromummaa akka baatan jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Madda walaabuu waamicha dabarsee jira.

Manneen Hidhaa Godina Lixa Shawaa Keessatti Oromoonni lakkoofsaan 75 ta’an Haalaan Dararamaa Jiru. Kanneen Keessaa 8 Shamarran Ta’uun Beekame.

Bilisummaa

Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Waxabajjii 09,2014

Yeroo ammaa kanatti Oromoonni Maqaan Isaanii kanaa gaditti  tarreefaman kuniin mana hidhaa godina Lixa Shawaa,Amboo, Waajjira Poolisii Godinaa, Kachallee Amboo,Gamoo Abbabechi jala,Masaraa Mootummaa Magaalaa Amboo, Hoomachoo, fi  Sanqallee Keessatti hidhamuun miidhaan reebichaa fi dararaan adda addaa  haalaan akka irra gahaa jiru gabaasi Qeerroo Magaalaa Amboo ibsee jira.
A/ Shamarraan Oromoo Amboo irratti hidhamuun dararamaa jiran keessa
  1. Ayyaantuu Margaa jiraattuu magaalaa Amboo, hojii daldalaa huccuu aadaa Oromoo kan Godinaalee Oromiyaa hundaa walitti qabuun Magaalaa Amboo keessatti kan daldaltee jiraattu
  2.  Misgaanee Tarrafaabarattuu kutaa 8ffaa M/b Carii sadarkaa 1ffaa
  3. Kumee Lammaa barattuu  kutaa 9ffaa M/b Liiban Maccaa Sadarkaa 2ffaa
  4. BeezaaTarreessaa jiraattuu magaalaa Amboo,
  5. Gissoo Fufaa barattuukutaa 8ffaa
  6. Masarat Abarraa kutaa 10ffaa  barattuu kutaa 10ffaa m/b sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa Gudar
  7. Sisayi Baqqalaa dubartii lafarra harkisuun reebaa mana hidhatti geeffamte,
  8. Taddaluu hojjettuu guyyaa buna jabanaan danfistee gurguruun kan maatiii shee jiraachiftu.
B/ Dargaggoota, Barattoota Ga’eessota, Manguddootaa fi Jiraattoota Magaalaa Amboo fi Naannoo irra qabamuun hidhamanii dararamaa jiran keessa: Manneen Hidhaa Godina Lixa Shawaa Keessatti Oromoonni lakkoofsaan 75 tahan dararaman

Wednesday, June 4, 2014

Ajjeefamuun Barataa Oromoo Daangaa Dhabe! Barataan Kutaa 10ffaa Daawwit Waaqjira Wallagga Anifilloo Keessatti Waraana Wayyaaneen Rukutamee Wareeganuun Gabaafame

Waxabajjii 03,2014 Dambi Doolloo

Qeerroo bilisummaaGabaasa Qeerroo Qellem Wallaggaa Anfilloo Waxabajjii 03/2014 galgala keessaa sa’a 3:40 irratti.Mootummaan wayyaanee humna agaazii oromiyaa keessa tamsaasuudhaan gaaffii tokko malee nama oromummaa isaaf dhaabbatu rasaasaan rukuchiisaa jira.Gabaasni kun akka addeessutti kaleessa Waxabajjii 02/2014 barataa kutaa kurnaffaa qormaata biyyoolessaa fudhatee gale sabboonummaa isaatiin kan ka’e yakka tokkollee kan hin goone humna waraana agaaziitiin qabamee bosona seensisuudhaan reebicha hamma du’aatti irratti raawwatan,erga reebanii miidhanii booda sadarka du’a isaa beekuudhaan rasaasaan rukutani.
Barataa Oromoo wareega qaalii kafale kana bosona keessatti reebanii erga hamma du’aatti deemsisanii booda galgala daandiitti baasaniiti rasaasaan akka rukutan kan ijaan argan ni dubbatu. Barataan kun maqaan isaa Daawwit Waaqjira jedhama.Guyya har’aa sirni awwaalcha isaa kan gaggeeffame yoo tahu humni waraana agaazii wayyaanee jedhamu kun uummata naannessee marsuudhaan hamma reeffi mucaa awaalamee xumuramutti akka waan rukuttaadhaaf qophiin jiruutti bakka qabachuudhaan gandi Ashii jedhamtu dirree waraanaa fakkaattee ooltee jirti jedhu maddi gabaasa Qeerroo Anfiilloo!
Kana malees ganama  Waxabajjii 03,2014 dargaggoon Addisuu Aagaa jedhamu magaalaa Laaloo Qilee keessa Motorbike qabatee osoo nagaan deemaa jiruu  poolisoonni Oromiyaan reebamee Hosptala Ayiraa gullisoo galee akka jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.
anfillooooanfilooo anifilo qelam