
Waxabajjii 25,2014 Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO’n Godina Dhiha Oromiyaa Magaalota kanneen akka Burraayyuu, Amboo, Gudar, Nagamtee, shaambuu, Gimbii, Dambii Dolloo, Jimmaa fi Mattuu irratti duula olola Afaan faajjii itti fufuun marsaa 3ffaa oofaa jiru jebassuun Uuummata Oromoo dogoggorsuu fi qabsoo mirga isaa kabachiifachiifachuuf qabsoo FDG Uummanni Oromoo gaggeessa jiru ukkamsuuf wayyaaneen shira xaxuu itti fufte.Wayyaaneen asiin fuldura FDG gara dabarsuuf hiriira baha nadeeggaraa jechuun yeroo lama godinaalee dhiya Oromiyaa garaagaraa keessatti uummata baasuuf yaalii gooteen diddaa uummataan kan duraa fashalaa’ee yoo ta’uu, Ammas yeroo 3ffaaf uummaata dirqisiisuu fi shororkeessuu irratti argamti. Haaluma kanaan uummata Oromoo kessaattuu godinoota dhiha Oromiyaa Magaalaawwaan gurguddoo kanneen akka Amboo, Naqamtee, Dambii Doolloo, Gimbii, fi Mattuu irratti hiriira ba’a na deeggaraa jechuun shororkeessa itti aanu kana uummata irra ka’uun guuttummaan godinaalee dhiha Oromiyaa goolama jira
1. Manneen daldalaa keessan ni cufama,
2. Gaaffii tokkoo malee hidhaa baatii sadii hanga jahaatiin adabamtuu,
3. Ijoolleen keessan bakka isin arguu hin dandeenyetti hidhamu,
4. Namoota asiin fuldura FDG keessatti hirmaatanii ajjeefamaniif itti gaafatamtu,
5. Warraaqsaa FDG mootummaa garagalchuuf godhamaa jiruuf itti gaafatamtu
6. Horii (Durgoo) isiniif kennina, jechuun dabballotaa sirnichaa uummaata keessa facaasuun uummata afaan faajjessuuf shirrii Wayyaaneen ofaa hin jirree hin jiru.
Uummanni Amboo Qeerroo Bilisummaa Waliin Hiriire Gamtaan Ka
No comments:
Post a Comment